{"id":1772,"date":"2025-08-19T19:01:26","date_gmt":"2025-08-19T19:01:26","guid":{"rendered":"https:\/\/oromiawritersassociation.org\/?p=1772"},"modified":"2025-08-19T19:01:27","modified_gmt":"2025-08-19T19:01:27","slug":"ibsa-waldaa-barreessitoota-oromiyaa-wbo","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/oromiawritersassociation.org\/oro\/2025\/08\/19\/ibsa-waldaa-barreessitoota-oromiyaa-wbo\/","title":{"rendered":"Ibsa Waldaa Barreessitoota Oromiyaa (WBO)"},"content":{"rendered":"<p class=\"wp-block-paragraph\">Yaa\u2019ii Waliigalaa Marsaa 12ffaa Milkaa\u2019inaan Taasifame<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Waldaan Barreessitoota Oromiyaa (WBO) guyyaa kaleessaa Yaa\u2019ii Waliigalaa marsaa 12ffaa isaa Finfinnee Galma Giddugala Oromootti geggeessuun milkaa\u2019ina guddaadhan xumure. Yaa\u2019in kun miseensota waldaa hedduu hirmaachise; akkuma duudhaa waldaa kanaatti, hojiiwwan bara darbe gabaafamee, karoora hojii bara dhufuuf tarkaanfii murteessaa ta\u2019an irratti mariin bal\u2019aan gaggeeffame.<\/p>\n\n\n\n<ul class=\"wp-block-list\">\n<li><strong>Gabaasafi Karoora Hojii:<\/strong> Gabaasni hojii bara 2017 dhiyaatefi karoora bara 2018 irratti mariin bal\u2019aan taasifame. Miseensonni yaadota bu\u2019uuraa kennuudhan, hojiiwwan waldichaa daran cimsanii hojiirra oolchuuf walii galteefi jajjabina isaanii mul\u2019isan. Kanaanis, waldichi kaayyoo bu\u2019uureffama isaa dhugoomsuf hojiiwwan faayidaa bara baraa qabu hojjechuuf kutannoon qophiitti akka jiru ibsameera.<\/li>\n\n\n\n<li><strong>Fooyya\u2019iinsa Danbii:<\/strong> Yaa\u2019ii waliigalaa kanaan fooyya\u2019iinsi danbii ittiin bulmaataa Labsii Lakk. 254\/2016 irratti hundaa\u2019un gaggeeffame. Marii bal\u2019aan taasifameen mirgoonnifi dirqamoonni miseensotaa haala ifaafi quubsaa ta\u2019een ibsamuun, danbichi bakka bakka bu\u2019aan Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa jirutti sagalee guutudhaan mirkanaa\u2019eera. Kunis waldicha seeraan, sirnaanifi haqaqabeessa ta\u2019ee akka itti fufuuf bu\u2019uura cimaa ta\u2019eera.<\/li>\n\n\n\n<li><strong>Filannoo Koree Hojiraawwachiiftuu<\/strong>: Waldichi akka qajeelfama danbii isaatti filannoo gaggeesseera. Filannoo taasifameen, hoggansi duraanii marsaa itti aanuuf irra deebin filatamuufi miseensonni haaran lama itti dabalamuudhan Koreen Hojiraawwachiiftuu haaran hundaa\u2019eera. Miseensonni filataman:<\/li>\n\n\n\n<li>Roobinaa Shuumii \u2013 Pirezidaantii<\/li>\n\n\n\n<li>Wabii Kabbadaa \u2013 Itti aanaa Pirezidaantii<\/li>\n\n\n\n<li>Kaanenus Kaasaa \u2013 Barreessaa<\/li>\n\n\n\n<li>Naatinaa\u2019el Taarikuu \u2013 Sabqunnamtii<\/li>\n\n\n\n<li>Fileetan Nagaasaa \u2013 Abbaa Herregaa<\/li>\n\n\n\n<li>Hiikaa Lammaa \u2013 Miseensa<\/li>\n\n\n\n<li>Gaaddisee Minkafuu \u2013 Miseensa<\/li>\n<\/ul>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Miseensonni kun ogummaafi dandeettii isaanii irratti hunda\u2019uun, hojii waldichaa waggaa afran itti aanuf hoogganuuf itti gaafatamummaa guutuu fudhataniiru.<\/p>\n\n\n\n<ul class=\"wp-block-list\">\n<li><strong>Hundeeffama Koree Dhimma Hawaasummaa<\/strong>: Yaa\u2019ii waliigalaa kanaan dhimmoonni faayidaa miseensotaafi waldaa akka bal\u2019inaan hordofamuuf Koreen Dhimma Hawaasummaa miseensota torba qabu ijaarameera. Koreen kun waggaa afuriif hojii itti kenname raawwachuuf itti gaafatamummaa fudhateera. Miseensonni filataman:<\/li>\n\n\n\n<li>Roobinaa Shuumii<\/li>\n\n\n\n<li>Ittafaa Guddinaa<\/li>\n\n\n\n<li>Hararsheet Tarrafaa<\/li>\n\n\n\n<li>Jamaal Kadiir<\/li>\n\n\n\n<li>Getaachoo Rabbirraa<\/li>\n\n\n\n<li>Abdiisaa Guyyee<\/li>\n\n\n\n<li>Namsoo Gadaa<\/li>\n<\/ul>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Koreen kun dhimma faayidaa miseensotaa, deeggarsa hawaasummaafi tajaajila barbaachisaa garaagaraa haala barbaachisaa keessatti sochii akka taasisuu qabu mirkanaa\u2019eera.<\/p>\n\n\n\n<ul class=\"wp-block-list\">\n<li><strong>Miseensota Haaraafi Buusii<\/strong>: Yaa\u2019ii waliigalaa kanaan, miseensota haaraa 65 simachuudhan, miseensonni kun yeroo kanaa eegalee mirgaafi dirqama miseensummaa guutuu ni qabaatu jedhamee murtaa\u2019eera.<\/li>\n<\/ul>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Akkasumas, buusii miseensummaa kan duraan waggaatti Qar. 1,000 ture, amma kaasee Qar. 2,000tti olguddisuun, ji\u2019a Fulbaanaa irraa jalqabee marsaa afuriin ni kaffalama jedhamee sagalee guutudhaan murtaa\u2019eera. Tarkaanfiin kun waldicha qindoomina maallaqaan jabeeffachuuf murteessa ta\u2019ee argameera.<\/p>\n\n\n\n<ul class=\"wp-block-list\">\n<li>Xumuraafi yaada jajjabeessaa marii egeree waldichaa irratti taasifameen, miseensonni yaadota jajjabeessaa dhiyeessuun:<\/li>\n<\/ul>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Waldichi hojii isaa akka jabaatee itti fufu,<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Miseensonni hojiiwwan waldichaa ogummaadhaan deeggaruu,<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Buusii miseensummaa yeroon kaffaluun waldicha jabeeffachuu irratti walii galaniiru.<\/p>\n\n\n\n<p class=\"wp-block-paragraph\">Waldaan Barreessitoota Oromiyaa (WBO) hojii seenaa qabuufi boonsaa hojjechaa jiru jabeessee marsaa haaraa jalqabuuf qophii ta\u2019uu isaa mirkaneesseera. Yaa\u2019iin waliigalaa marsaa 12ffaa kun seenaa waldaa keessatti iddoo olaanaa qabaachun, injifannoofi kutannoo haaraa galmeesseera.<\/p>","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Yaa\u2019ii Waliigalaa Marsaa 12ffaa Milkaa\u2019inaan Taasifame Waldaan Barreessitoota Oromiyaa (WBO) guyyaa kaleessaa Yaa\u2019ii Waliigalaa marsaa 12ffaa isaa Finfinnee Galma Giddugala Oromootti geggeessuun milkaa\u2019ina guddaadhan xumure. Yaa\u2019in kun miseensota waldaa hedduu [&hellip;]<\/p>","protected":false},"author":4,"featured_media":0,"comment_status":"open","ping_status":"closed","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"pagelayer_contact_templates":[],"_pagelayer_content":"","footnotes":""},"categories":[1],"tags":[],"class_list":["post-1772","post","type-post","status-publish","format-standard","hentry","category-all"],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/oromiawritersassociation.org\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/1772","targetHints":{"allow":["GET"]}}],"collection":[{"href":"https:\/\/oromiawritersassociation.org\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/oromiawritersassociation.org\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromiawritersassociation.org\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/users\/4"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromiawritersassociation.org\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=1772"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/oromiawritersassociation.org\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/1772\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":1773,"href":"https:\/\/oromiawritersassociation.org\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/1772\/revisions\/1773"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/oromiawritersassociation.org\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=1772"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromiawritersassociation.org\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=1772"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromiawritersassociation.org\/oro\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=1772"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}