BADHAASA OGBARRUU GAADDISAA

(Kabaja Hojii Barreessitootaa)

Mul’ata Badhaasa Ogbarruu Gaaddisaa keessatti dhugaa GUDDAA tokkotu jira:

Barreessitoonni hojii isaanitiin addunyaa ni jijjiiru!

Walaloon, seenan, asoosamni, qorannoon hundi sagalee dhaga’amuu qabu qaba. Barreessitoonni barreeffamoota isaanitiin eenyummaa ni eegu, jal’ina ni mormu, yaada jijjiiramaa burqisiisu, hawaasa tiksanii riqicha dhalootaa ijaaru.

Badhaasni kun hamilee jechoota barreessitootaa hunda duuba jiru kabaja — imala dheeraa, hubannoo gadi fagoo, warraaqsa aadaa, ibidda kalaqaafi dhugaaf of kennuu.

Barreessitoota hundaaf:

Hojiiwwan keessan fuula waraqaa qofa miti; hirmaannaa ogummaati. dhaloota kakaasanii, barsiisanii, qormaata jabaaf furmaata bocanii, jijjiirama egereef hawwatu. Kaleessas, har’as ta’ee borus, hojiin keessan guca qaroominaati – addunyaaf ifa kenna.

Hojiiwwan ogbarruu fakkeenya ta’an ol kaasnee barreessitoota hojii isaanitiinhawaasa isaanitiif hirkoo ta’aniif beekamtii yeroo kenninu, akka Waldaa barreessitoota Oromiyaatti gammachuun keenya daangaa hin qabu.

 Badhaasa Ogbarruu Gaaddisaa — Hojii Barreessitootaa Gahumsi ni Kabajama.

Yaadichaaf deebii kenni

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Oro_ETORO
Scroll to Top