Guyyaa kaleessaa Waaree Aartii guddaatu Sadarkaa Oromiyaatti Magaalaa Bishooftuutti gaggeeffame. Sagantaa guddaa kanarratti Waldaa keenya, Waldaa Barreessitoota Oromiyaa tiif beekamtii addaatu kennameef.
Sagantaa kana Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa, Biiroo Aadaafi Turizimii Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuufii Waajjira Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuutu waliin qopheesse.
Waldaan keenya, Waldaan Barreessitoota Oromiyaas, Gumaacha inni gama Ogbarruu Oromoodhaan bahachaa jiruuf beekamtiin addaa kun kennameef.
Beekamtii kanas, Kantiibaa Magaalaa Bishooftuu Obbo Alamaayyoo Asaffaa Jaarraa, Itti aanaa Hoogganaa Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa Gargaaraa Pirofeesaraa Daraaraa Katamaa fi Hooggantuu Waajjira Aadaafi Turizimii Magaalaa Bishooftuu Aadde Gannat Mokonnintu waloon gumaache.
Waldaa keenya bakka bu’uudhaan beekamti guddaa kana kan fuudhe ammoo, Itti aanaa Pirezdaantii Waldaa Barreessitoota Oromiyaa, Wabii Kabbadaa Barkeessaadha.
Waldaan keenya, qaamota waloodhaan beekamtii addaa kana nuuf gumaachaniif, galataafi ulfina guddaa qabaaf. Badhaasichi imaanaa guddina ogbarruu, seenaa, aadaafi afaan Oromoo irratti gara fuula duraatti daran akka jabaannuf nutti kenname ta’uu isaa hubanna!
Ulfaadhaa!
