Gaaddisaa Award

Badhaasa Ogbarruu Oromoo / Oromo Literary Award/

Waldaan Barreessitoota Oromiyaa yeroo dhihootti, badhaasa Ogbarruu maqaa goota guddaafi barreessaa Asoosama Afaan Oromoo jalqabaa maqaa Obbo Gaaddisaa Birruutiin moggaasuun qabatee dhufaa jira.

Badhaasni kun badhaasa Ogbarruu irratti xiyyeeffatuufi wantota kan biroo hedduu of jalatti qabatedha.

Qulqullina Ogbarruu mirkaneessuun hafuura dorgommii uumuu, gulantaa Ogbarruu keenyaa ol kaasuun fedhii dubbistootaa daballee, uummata dubbisu oomishuuf ni gargaara.

Miseensota Waldaa Barreessitoota Oromiyaa hundaaf

Waldaan Barreessitoota Oromiyaa miseensota Waldichaa hundaaf dhaamsa qaba. Miseensonni keenya deggersa adda addaa, gorsaafi tajaajila waldaa keenyarraa barbaaddan, gara waajjira muummicha keenyaa dhuftanii kan nu argattan Guyyaa Wiixataa yoo ta’u, guyyoota kan biroorra dhufuu warri barbaaddan ammoo dursitanii hojjettootaaf bilbiltanii beellama qabsiifachuutu isinirraa jira. 

 

Waajjiraalee dameewwan Waldaa Barreessitoota Oromiyaa bakka biroos sagantaa baasuun kan isin hubachiifnu ta’a.

Waamicha Miseensota Waldaa Barreessitoota Oromiyaatiif

Waldaan Barreessitoota Oromiyaa miseensota waldichaa hundaaf dhaamsa Caamsa 16, 2022 dabarseen, miseensonni waldaa keenyaa hundi ji’a kana keessa dirqama isaaniirraa eegamu xumurachuun, waraqaa eenyummaa haaromfame akka fudhattan isin beeksisna.

Hubachiisa:

Waraqaa eenyummaa waldichaa haareffachuun dhimmoota hedduuf isin fayyada.

Oro_ETORO
Scroll to Top