Taateewwan Gurguddoo Seenaa Ogbarruu Oromoo

Tafarii Nuguseetiin

Taatee gurguddoo 100 seenaa ogbarruu Afaan Oromoo keessatti
Major 100 events in Oromo Literary History

  1. Dhuma Jaarraa 13ffaa – Kitaabni jalqaba Oromoo Rabbi Al Qulbi Ali Umariin barreeffame.
  2. 1682 – Kitaabni jalqaba hiika jechootaa (galmee jechoota xiqqoo) Afaan Oromoo Ludalfi Hiyuboon qubee Laatiniitin barreeffamee maxxafame.
  3. 1755- Afaan Oromo Bara Mootii Iyyaasuu tokkoffa afaan hojii masaraa Gondar ta’e.
  4. 1795- Weedduun Salamoon Jams Biruusin Afaan Oromootti jijjiiramee maxxanfame
  5. 1814- Henerii Saalti galmee Jechoota Afaan Oromoofi Afaan Ingiliizitiin maxxanse
  6. 1824- Bililleen dhalatte.
  7. 1838- Af walaloon Oromoo Faransaayitti Waaree, Gaba’oofi Jomaardin maxxanfame.
  8. 1840- Kitaabni uumafi Yohaannis Kiraamfin maxxanfame.
  • Bililleen walaloo 280 Kaarlii Tuusheekiif kennite.
  1. 1841-Rocheti Herkoti galmee jechoota Afaan Oromoo maxxanse.
  2. 1842- Seerlugni Afaan Oromoo Kiraamfin barreefame maxxafame.
  3. 1843-Chaarles Beek jechoota Afaan Oromoo walitti qabee maxxanse.
  4. 1844- Kaarli Tuusheek, Akkafedhee Daallee, Oshuu Aagaa, Amaan Goondaa, Bililleen barreessan seerlugni Afaan Oromoo maxxanfame.
    -Kaarli Tuusheek, Akkafedhee Daallee, Oshuu Aagaa, Amaan Goondaa, Bililleen barreessan galmeen jechoota Afaan Oromoo maxxanfame.
  5. 1848- De Abbadee gara dhiha Oromiyaa dhufe.
  6. 1852- Manni barumsaa Jalqabaa Oromiyaa keessatti, Horroo Guduruu, Kombolchatti Abbaa Masayaatin baname.
  7. 1853- Abba Jakob kitaaba Katekimus Afaan Oromootti hiikee maxxanse.
  8. 1854- Manni barumsaa lammaffaa Limmuu Saqqaatti baname.
  9. 1855- Ganamee Yaa’ii seenaa ishii “Intala Oromoo” jedhu maxxansite.
  10. 1856- Onesimos Nasib dhalate.
  11. 1866- Abba Masaya Kolleejjii Afaan Oromoo qulqulluu Mikaa’elaa Firaansi, Maarsetti bane.
  12. 1867- Abba Masaya seerluga Afaan Oromoo maxxanse.
  13. 1869- Manni barumsaafi kolleejjin Afaan Oromoo Finfinnee, Birbirsatti (Piyaassaa) baname.
  14. 1874- Asteer Gannoo dhalatte .
  15. 1875- Mootin Yohaannis mana barumsaafi Kolleejjii Oromoo akka cufu Minilik ajaje, Minilikis mana barumsaafi kolleejjii kanneen humnaan cufe.
  16. 1876- Kitaabni qulqulluu kakuu haaraa Kiristiyaan Ruufoon hiikame maxxafame.
  17. 1881-Kaatolikoonni Finfinnee ari’aman Hararitti mana barumsaa banan.
  18. 1882- Shek Mahammad Jamil al Anni, kan waayee Oromoo afaan Arabaan kitaabota shantamaa oliin barreessan waraana daangaa Raayyaafi Affaar jedduutti Mootii Yohaannis wajjin godhamerratti wareegaman.
  19. 1885- Walaloon Oromoo Bililleen barreeffame maxxanfame.
  20. 1886- Onesimos Nasib kitaaba Galata Waaqayyoo Gooftaa Maccaa jedhu maxxanse.
  21. 1887- Etere Veterbo galmee seerluga Afaan Oromoo maxxanse.
  22. 1893- Firaanzi Piratooriyas seerluga Afaan Oromoo maxxanse
  23. 1894- Onesimos Asteer Gannoo wajjin Jalqaba Barsiisaa maxxanse.
  24. 1895- Shek Bakiriin dhalate.
  25. 1898- Manni barumsaa Afaan Oromoo Bojjii Karkarrootti baname.
  26. 1899- Onesimos Katekismos, Garaan Namaa Mana Waaqayyoo yookiis Iddoo Bultii Seetanaa, kitaaba Qulqulluu guutuufi Galmee jechootaa Afaan Oromoo-Siwiidinii maxxanse.
  27. 1899-Asteer Gannoo, si’a lama oduu shantamii lamaafi kitaaba Afoolaa maxxansite.
  28. 1900- Onesimos mana barumsaa Afaan Oromoo Asmaraatti bane.
  29. 1900- Abba Jaakoob kitaaba Wangeela Maatiwoos, kadhaa ganamaa fi galgala, kitaaba muldhataa Yohaannisiifi abboommii kurnan Afaan Oromootti hiike.
  30. 1904- Onesimos Najjotti mana barumsa bane.
  31. 1913- E.C. Foot’s Galmee jechoota Afaan Oromoofi Afaan Ingiliizii maxxanse.
  32. 1922- Iniriikoo Chiruulii kitaaba Phd isaa Afoola Oromoo jedhu maxxanse.
  33. 1923- Asteer Gannoo mana barumsa Naqamteetti bante.
  34. 1925- Joosef Muzinjer Paashaa (haadhan Oromoo abbaan Bulchaa Galaana Diimaafi jeneraala Misirii) walaloo Afaan Oromoo maxxanse.
  35. 1931- Onesimos Nasib boqatan.
  36. 1936- Walaloon Fayyis (Mana hidhaa fashistiitti kan du’e) Nazif Hakimaatin maxxafame.
  37. 1936- Raadiyoon Afaan Oromoo Jimmaaf Finfinnetti eegale.
  38. 1936- Kitaabni barataa Afaan Oromoo maxxanfame.
  39. 1936- Shek Bakriin walaloo barreesuu egale.
  40. 1939- Maariyoo Morino seerluga Afaan Oromoo maxxanse.
  41. 1941- Raadiyoon Afaan Oromoofi manni barumsaa Afaan Oromoo Xaaliyaanonni banan cufame.
  42. 1944- Afaan Oromoo tajaajila kamiifiyyuu akka hin oolle seerri dhorku bahe.
  43. 1955- Sheki Bakiriin qubee Afaan Oromoo xumure.
  44. 1961 Waldaan Maccaafi Tuulamaa hundaa’e.
  45. 1962- Baandiin Afran qalloo hundaa’e diraamaa gaggabaabofi sirboonni barreefamuu eegalan.
  46. 1964-Tiyaatirri jalqabaa Afaan Oromoo Maammoo Mazammiriin barreefamee, Bishooftutti muldhate.
  47. 1965- Barruulen Oromoo kana beekta laata Finfinneetti eegale.
  48. 1970- Raadiyoon Afaan Oromoo Maqadashootti baname.
  49. 1971- Gaazexaan Oromoo ‘the Oromo voice against tyranny’ jalqabe.
  50. 1973- Hirmaata dubbii seerluga Afaan Oromoo fi Bara birraan yoo bari’e (dirama) Hayilee Fidaatin barreeffamanii bahan.
  51. 1973- Raadiyoon Harar baname.
  52. 1973- Huursaa (asoosama) Dafaa Jamoon barreeffamee maxxanfame.
  53. 1973- Oromo oral literature Mangasha Riqituun qophaa’e maxxanfame.
  54. 1975-Gaazexaan bariisaa maxxanfamuu eegalte.
  55. 1975- Fura Afaan Oromoo kan qubee amma fayyadamnu guututti qabdu Sheek Mahammad Rashaadiin maxxanfamte.
  56. 1976- Kitaabonni Soshalizimii faarsani namoota akka Tamsegen Gammadaa , Jaalataa Jaafaroofi Kuwee Kumsaan barreffaman maxxanfaman.
  57. 1976- Bilillee Safaa Sheek Mohammad Jajjuu qubee Arabaa fayyadamuun walaloo Afaan Oromoo barreessan maxxanfame.
  58. 1976- Korri qubee Afaan Oromoo Gaara Mul’ataatti gaggeeffame.
  59. 1981- Kitaabni walaloo Biliqqaa jedhamu Xahaa Abdiin barreeffame maxxanfame.
  60. 1982- Kitaabni Oromiya jedhu Gadaa Melban barreeffamee maxxanfame.
  61. 1982- Abbaan Walaloo Oromoo Sheek Bakiriin boqatan.
  62. 1984- Kitaabni walaloo Hanga yoom nu hidhu Taammanaa Bitimaan barreeffamee maxxanfame.
  63. 1988- Afaan Oromoo mana barumsaa baqattootaa keessatti ittiin baratamuu eegale.
  64. 1990- Galmeen jechoota Gireeg Gaanyee maxxanfame.
  65. 1990- Galmeen jechoota Xilahuun Gamtaan maxxanfame.
  66. 1990- Kuusaa Gadoo raadiyoon seeneffame.
  67. 1990-Gumbiin aadaa Wallaggaa Dafaa Jamoon barreeffamee maxxanfame.
  68. 1990- Kuusaa jechoota (galmee jechoota) Dafaa Jamoon barreeffamee maxxanfame.
  69. 1991- Caamsaa 28 Dargiin kufe.
  70. 1991-Waxabajjii 25 qubeen Afaan Oromoo Oromiyaa guututti hojiirra akka oolu murteeffame.
  71. 1991- Hagayya Kuusaa Gadoo Gaaddisaa Birruun barreeffamee maxxanfame.
  72. 1991- Fulbaana Godaannisni Dhaabaa Wayyeessan barreeffamee maxxanfame.
  73. 1991- ETVn sagantaa Afaan Oromoo eegale.
  74. 1991-Quraanni Sheek Mohaammad Rashaadiin Afaan Oromootti hiikkamee maxxanfame.
  75. 1992- Kitaabonni barnootaa Afaan Oromoon maxxanfamanii bahan.
  76. 1992- Barattoonni Oromoo afaan haadha isaaniin barachuu eegalan.
  77. 1992- Tiyaatirri, Dukkanaan Duuba, Jennaanifi Imimmaan Dhaabaa wayyeessan barreeffaman waltajjiitti dhiyaatan.
  78. 1992- Tiyaatirri Qorannoo Mootummaa Asaffaafi Diimaa Abarraatin barreeffamee waltajjiitti dhiyaate.
  79. 1993- Suuraa Abdii Kumsaa Burayyuun barreeffamee maxxanfame.
  80. 1993-Yaadaniin ( Bantii Oliiqaa?) barreeffamee maxxanfame.
  81. 1993- Kooba Dubbii Mahaammad Qopheen barreeffamee maxxanfame.
  82. 1993- Seerluga Afaan Oromoo Abdul Samad Mohaammadiin barreeffamee maxxanfame.
  83. 1994- Kitaabni Qabee jettu Wasanee Bashaatin barreeffamte maxxanfamte.
  84. 1994- Dhangaafi diraaman TV afaan Oromoo eegale.
  85. 1994- Tiyaatirri Dhaaba Wayyeesa Fuula Dhokate jedhu waltajii argate.
  86. 1994- Tiyaatirri Jilbiibbii Fayyisaa Yaaddessaan barreeffamee waltajjii argate.
  87. 1995- Tiyaatirri Hulluuqqoo Abdul Naasir Haji Hasaniin barreeffamee waltajjii gahe.
  88. 1997- Kolleejjin barsiistotaa Afaan Oromoon leenjisuu Jimmaaf Adaamatti baname.
  89. 1998- Qorumsi afaan Oromoo kutaa kudha lamaffaa eegale.
  90. 1998- Afaan Oromoo akka quxusuutti (minor) Yuuniversiitii Finfinneetti eegale.
  91. 2002- Afaan Oromoo Digirii jalqabaan Yuuniversiitii Jimmaafi Haramaayatti kennamuu eegale.
  92. 2005- Afaan Oromoo Mastariin Yuuniversiitii Finfinneetti eegale.

Tafarii Nugusee

Qorataafi ogeessa Ogbarruu Oromoo

2022

10 thoughts on “Taateewwan Gurguddoo Seenaa Ogbarruu Oromoo”

  1. Kitaaba “Abbaa-Hagaa/Abbaa-Oormaa.
    Barressaan: Makiin( miky)Sultan Seid Wallo.

    Aadaaf seenaa oromoota walloo.
    Gosoonni Oromoo hedduun jaarraa hedduuf lafa abbaa isaanii kan ta’e kaaba Itoophiyaa har’aa( kaaba Oromiyaa) jiraachaa jiran hedduu dha.
    Isaan keessaa Waloo(Walloo), Yajjuu, Raayyaa, Jiillee, Arxummaa, Qorii Fursee fi Dhummuugaan, kan eeramuu danda’anii dha.
    Gosoonni Oromoo kunneen Wiirtuu Amantaafi Siyaas-Dinagdee bakka tokkootti qaban qabu. Akkaataadhuma jiruu ittiin jirataniifi qubannaa isaaniinis Gooree isaanitti wiirtuu amantaa fi siyaasaa mataa isaanii kan qabanis jiru.
    Wiirtuun Amantaafi Siyaasaa isaanii inni beekamaan bakka tokkotti qaban tokko Odaa Garaadooti.
    Gosoota Oromoo kanneen jalaa Sababaa sirnoota cuunqursitootaatiin Aadaa fi Afaan isaanii kaan isaanii jalaa baaay’ee dadhabeera.
    Haa ta’uu, malee gosonnii Oromoo baay’een kan Walloo kibbaa jiraatan dhiibba sirnoota nafxanyootaan isaanirra gahaa ture hundaa damdamachuun Aadaa fi Afaan abbaa isaanii kan Oromoo har’a illee itti fayyadamaa jiran hedduu dha.
    Walloo dabalatee gosoonni Oromoo kaaba Oromiyaa (Itoophiyaa har’aa) jiraatan akkuma gosoota Oromoo kaanii Jaarraa hedduuf sirna Gadaan of bulchaa turan. Yeroon booda garuu akkuma dhiibbaan kallaattii hedduun itti cimaa dhufeen sirni kun waan jalaa dadhabaa dhufeef Odaa Garaadootti wal-gahaanii Seera Abbaa Ormaa kan jedhamu tumatani jedhu manguddoon Oromoo kan seenaa ummatichaa beekan kanaan irraa odeeffadhe.
    (HUB:-Ragaaleen tokko tokkoo garuu seerri abba ormaa seera oromoon osoo gadaa hin tolfatiin dura ittiin bula turedha jedhu.)
    1.Seerri Abbaa Ormaa kun seera Oromoo jechuu dha..
    Seerrii kun maqaa isaa irraa kan hafe baay’een isaa seeruma sirna Gadaa keessa jiru dha, akka manguddoonnii Jiillee Kaaba Oromiyaa jiraatan tokko natti himanitti.
    Wallootti Seerri Abba Ormaa akkuma sirna Gadaa caasaawwaan bulchiisaa hedduu of jalaa qaba.

    Warra Seera tuman, warra seera hojiirra oolchan, caasaa nageenya uummataa eegu fa’aa qaba.
    HOJJA DHEERESSA
    Caasaan Seera Abbaa Ormaa gaggeessan ykn kan hojiirra akka ooluuf hojjetan Hojja Dheeressa jedhamu.
    Gareen kun namoota umuriidhaan raagan ykn manguddoota. Hojja Dheeressi kun Qaama olaanaa dhimma hawaasaa irratti murtee kennudha. Hojja dheeressaan Gumii olaanaa ykn immoo Caffee jechuunii dandeenya.

    2.SEERA ABAGAARUMMAA
    Abbagaar sirna Aadaa orromooti walloo Abbaa alangaa ta,ee furmaataa rakkoo huundaa ittiin furaniidha.
    Abbagaar jechuun seera Aadaa oromota walloo rakkoo ittiin furmaata kennan kan sirna isaa ittiin raawwattan maqaa namoota sirna Aangoo sanii ittiin waamamaniidha.
    Abbagaarri iddoo jiraniti ummaticha keessati rakkoolee addaa addaa uumaman kan ittin furanifi kan ittiin araaramsan mandhee warra Aangoo saniif kennameedha.
    mandheen sun Rakkoolee xixiqqoo irraa kaasee hanga rakkoo gurguddoo hanga namootii ajjeechaa raawwatani rakkoolee jiran sadarkaadhan furmaata kennuu Aangoo qabani. Angoo kana dhiiroolee qofattu ittiin hirmaata.
    Aangoo Abbagaarummaa karaalee lamaan Argamu.
    Kan jalqabaa sanyii irraa kan dhaalamu yeroo ta,u ka lammaffaa immoo ummataan filamuudhaan kan argamuudha.
    Abbagaarummaan sanyiidhan argamu abbaa irraa kara ilma dhiiraatti dhaalchisamaa kan dhufuudha.Abbagaar ilma dhiiraa hin qabne intala isaatii dhaalchisuu hin dandayu.garuu immoo filannoo abbagaarichaatin ilma obboleessa isaatif ykn ilma obboleetti isaatif abbagaarumma dhaalchisuu nii dandaya.ilmi abbagaar filatu sun abbagaarummaf umriin isaa gahuu barbaachisa.kaadhimamaan abbagaar sun hanga abbagaarummaf gahu nama jabaa akka tahuuf abbagaar haqiif furmaata sirrii akka kennu godhuuf umrii bara 30 fi sanii ol tahuun dirqama.
    Abbagaar lammafaan immoo kan filannoo ummataatin Aangoo argatuudha.naannoo isaa keessatti,jaalatamaa,dhaggeefatamaa,fudhatamaa,kabajamaa kan ummatan walii galu tahun ummanni filannoon Aangoo abbagaar kennuufidha.
    Abbagaar ummanni filate sun Aangoo Aantummaan kennameef san yoo seeraan itti fayyadamuu dhabaate ummatuma saniin Aangoo irraa buusuufi kan iddoo abbagaa biraa buusuu ummatuma saniini.
    Akka Abbagaar isa sanyiin Aangoo abbagaarummaa qabuu san ilma ofiitii dabarsuu hin dandayu.
    Abbagaar Abbootii nageenyaati. Namoota wal ajjeesan walitti araarsu, dhiiga gogsu walitti tolchu. Irra caalaan ummati walloo osoo Amantiin adda isa hin qoodin Abbagaarummaan rakkoo furu.
    Abbagaaroonni/ maanguddoonni/ namoota jalaa du,eef namoota jalaa ajjeesan san walitti fidu. Nageenya abbagaar dhamsa araara hin fudhadhu kan jedhu hin jiru. Yoo jiraateyu ummata san irraa adda baya. Seerri Araara abbaaar ummata huunda biratti bayyee kabajama.
    hundaafuu Abbagaar goojjoo jiguuf kaatee,mana jaarsaaf jaartiin jalaa jige dhaaba.

  2. Avatar
    korsa Alemayehu

    jabaadha waan hedduun irraa baradhe , afaan koo caalaattii guddisuufis hiree akkan taphadhu na jajjabeesseera.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Oro_ETORO
Scroll to Top