Dubartii yeroo 12 gurguramtee saba Oromoo addunyaatti beeksifte (Ambaasaaddara Ogbarruu Oromoo jaarraa 18ffaa)

Ganamee Yaa’ii (Pauline Fathme) (1832-1855)

Ganamee Yaa’ii kan dhalatte lixa Oromiyaa lafa dur Guumaa jedhamtu kan yeroo ammaa godina Jimmaa jalatti argamtu, aanaa Gumaay ganda Labuu jedhamutti bara 1832 dhalatte. Biyyi Ganamee (Mootummaan Guumaa) Mootummoota Shanan Gibee keessaa tokko yoo ta’u, Kibba lixa Itoophiyaa har’aa keessatti wiirtuu qabsoon kan beekamtu naannoo seenaqabeettii maqaa gaarii qabduudha.

Ganameen afaan hedduu dubbachuu dandeessi. Isaanis: Afaan Oromoo, Afaan Arabaa, Afaan Faransayii, Afaan Ingiliizitiifi Afaan Jarmani fa’i. Ganameen Mootii Ijibtiin (Egybt) kennaa taatee Mootii Jarmaaniif kennamte.

Maqaan Ganamee jedhu nama ganama barii dhalate kan itti moggaasaniidha. Abbaan ishee Yaa’ii Shaseedaa Odaa dhala isaa tokkittii kanaaf barnoota aadaafi jaalala biyyaa qalbiidhan barsiisaa guddise. Yaa’in geggeessaa saba isaatif wanta gaarii hojjetu ture. Abbaan Ganamee nama iyyeessa jaalatu, arjaafi gaarii, Qoricha aadaa nama kennu ta’uu isaa Ganameen gaafa lubbuun jirtu dubbattee turte. Ob. Yaa’in goota sodaa hin qabne ture. Haati ishee ijoolummaan irraa duute. Abbaan Ganamees ishee waggaa 6 jirtuu lola irratti jalaa du’e. Jireenyi Ganamee yeroo sanatti utubaa dhabe. Ijoollummaadhan haadhafi abbaa dhabde.

Bakka Awwaala Abbaafi Haadha ishee kanatti deddeebitee ilaalti ture. Gaaf tokko osoo isheen gara awwaala abbaa ishee deemtuu daldaltonni garbaa ishee butan. Achii fuudhanii torban hedduu lafoo gara Kaaba dhihaatti, karaa Sudaan geessan. Achii bakka Sennaar jedhamu gabaa garbaatti gurgurtaaf  dhiyeessan.

Mana garbaa itti geeffamte keessatti shamarraniifi namoota biroo gurgurtaaf qophaa’anitti makamte. Achitti garbi yoo gurgurame jireenya akkamiitu ishee mudata kan jedhu gaggaafattee qorattee hubatte. Yeroo sanatti garbittii Oromoo kan bitatu hojii mana keessaaf, yookin qonnaaf qofa hin turre. Shammarran Oromoo miidhaginaan beekamoo waan ta’aniif gursummummaaf barbaadamu turan.

Ganameen gabaa garbaatti yeroo gurguramuuf ishee dhiheessan akka walqunnamtii hin seenne sodaattee, waan cittoo, yookin dhukkuba gogaa qabdu fakkeessuuf of hooqxi turte. Yeroo daldaltoonni garbaa dhufan sodaadhan hollatti turte. Akka Rabbi badiitti ishee hin geessine, jireenya salphinaa akka hin jiraachifne kadhatti turte. Otuu gurgurtaadhan harka nama tokkoo irraa gara kan biraatti dabarfamtuu si’a kudha lama gurguramte.

Dhuma irratti magaalaa Kaayirootti mootichi Gibtsii Mohammad Alii Paashaa ishee bitate. Yeroo sanatti mootummaan Gibtsii hanga Sudan ammaatti bulchaa ture. Galma isaa keessatti nyaata akka hojjettu ramadamte. Achittis Islaama taatee maqaan ishee Faaximaa jedhamee moggaafamte.

Bara 1847/1848 keessa Lammii biyya Jarman Baaron Voon Muular (Baron Von Müller) jedhamu tokko mooticha Gibtsii Mohammad Alii Pashaa dubbisuu magaalaa Kaayiroo dhufe. Mohammad Aliis keessummaa isaa kanaaf Ganamee (Faaxumaa) kennaa gaaridha jedhee badhaase.

Baaron Voon Muular Ganamee (Faaxumaa) fudhatee Awurooppatti deebi’e. Achii booda Viena (Viyanaa), Austria (Awustiriyaa)-fi biyya Jarmanii magaalaa Leipzig (Laayipsiig) of duukaa fudhatee adeemaa ture. Achii booda gara magaalaa Stuttgart (Istuutgaart) geessee haadha isaatti ishee kenne. Achitti miiltoo haadha isaa taatee karaa baay’ee adeemaa turte.

Haati isaa akka ilmootti ilaalun akka barnoota afaan Jarmanii barattu goote. Sammuun ishee qaraafi banaa waan tureef dafee barnoonni galeef. Haati Mootii Württemberg (Vuutenbargi) yeroo sanaa waa’ee Ganamee dhageessee waan gaafatteef Baaron Voon Muular Ganamee geessee itti argisiise. Isheenis arguufi waliin haasa’uu qofaan quufuu dadhabdee, akka intalli kun barnoota Wangeelaa argattee, cuuphamtee, amantiidhan waldaa Kristaanaatti dabalamtu ajajje.

Dubbii mootittiin dubbatte dafee hojiitti hiikamuu waan qabuuf, haati Baaron Voon Muular Ganamee Gurraaandhala 1, 1851 Kornthal (Koorntaal) bakka leenjisa Misiyoonotaa kan namoota beekamoo akka J. Ludwig Krapf (Johaan Ludwig Kiraf) itti baratan keessaa kutaa mana barnootaa Shamarraniitti galchite. Jireenyaaf immoo, mana warra Fecht (Feesht) jedhamanii turte. Barnoota duukaa akka warra biyyaatti bu’uuf afaanicha waan hin dhuunfatiniif salphaa hin turre. Walhubachuuf fakkii kaasufi harkaan dhimma baati turte. Akka kanaan namoonni isheen wal argan hundi akka ishee wajjin firooma argatan dubbatu turan.

Yeroo Ludwig Krapf gara biyya Oromoo deemuf qophii taasisaa turetti akkas jettee xalayaa barreessiteef:

‘‘Karaa keessan isa isin jalqabuuf jettaniif seexaafi eebba gaarin isiniif hawwa. Otuun isin waliin adeemuu danda’eellee nan jaalladha. Garuu waan Rabbi jedheef as turuun qaba. Hanga Rabbi na waamutti obsaanan eeggadha. Dhuguma, yeroon ofii koofi dadhabina koo ilaalu biyya kootti deebi’ee galuuf abdii guddaa hin qabu; garuummoo isa as na fide, hanga inni hojii isaa isa ana irratti jalqabe raawwatutti isan eeggadha. Inni dadhabaa humna qabeessa gochuu ni danda’a. Isadha kan mootummaa Isaa karaa dadhabootaafi wallaalotaa ijaaru, kanaaf akka Fayyisaan ana keessan eebba gaarii jalqabuu danda’u nan amana. Kanaafis hamma ani as jirutti, akka Inni Hafuura Qulqulluun na guutu, akka Inni amantii isa dhugaa naaf kennu, akka ani dandeettii qabaadhutti akka Inni sirnaan na qopheessu, kana booda guyyaa tokko biyya kootti deebi’ee, uummata kootti gaarummaa guddaafi gara-laafına inni anaaf qabaate akkan himuu danda’us nan kadhadha.

Itti dabalees isiniifi Mr. Deimler saba dukkana keessa jiru sanatti wangeela lallabuuf adeemuu keessaniif guddaan gammada. Akka Waaqayyo isin wajjin ta’ee isin gargaaruufis guyyaa hundumaa isiniif nan kadhadha. Kennaa muraasa Oromoof; suuraa ijoollee, xibbiira ani hojjedhe immoo dubartoota misiyoonotaaf akka fuutaniif isin gaafadha’’.

Krapf uffata Pauline hodhite sana korojoo isaa keessa kaa’atee fuudhee adeeme.

Baaron Voon Muuleritti dabalee haadha isaafi namoota yeroo sanatti uummata keessatti bakka ol aanaa qaban afurtu turan. Yeroo isheen cuuphamte maqaa haaraa ‘‘Pauline’’ jedhanii moggaasan. Maqaan ishee inni lammaffaan ‘‘Johanne’’ jedhan. Kanaaf Ganameen, Pauline Johanne Fathme jedhamtees waamamuu eegalte.

Koorntaal bakka isheen Johan Krapf isa waggoota muraasaf Shawaa keessa bakka Ankober jedhamu turee wajjin wal argiteedha. Wal arguu isaanii kana dura, yeroo Krapf deebi’ee gara baha Afrikaa adeemuuf qophaa’aa ture, Pauline xalayaa olitti dubbisne kana isaaf ergite.

Bara 1853 qabeenya ofii isheetii horatte, keessumattuu amartiifi callee akka isaan hojii wangeelaa biyya Oromootti ittiin hojjetaniif dabarsitee Misiyoonii Baaseliif kennite. Ganameen saba isheetif guddaa yaaddi. Warri ishee argan hundumtuu jaalala dhugaa isheen namoota hundumaa, xinnaafi guddaaf qabduuf in dinqisiifatu. Cimina ishee, qulqullina yaada garaa ishee, qajeelina dubbii ishee namoonni Vuutenbargi hundinuu ni dinqisiifatu, ishees ni jaalatu turan. Kanaafis guddaafi xiqqaa biratti jaalala guddaa horatte.

Bitootessa 13,1855 Konferensii amantootaa isa Baaselitti ta’e irratti akka hirmaattuf jaala amantii ishee Splitter (Ispleetar) jedhamuun afeeramte. Isheenis dhaqxee hirmaattee, gammachuufi eebban erga qooda fudhattee booda Splitter bira, magaalaa Baasel, Switzerland otuu jirtuu dhukkubsatte. Doktarri akka dhukkubni sombaa ishee qabe itti himanii waldhaanamaa turte.

Garuu dhukkubichi itti hammaatee, ji’oota muraasa booda Fulbaanaa 11, 1855 duutee ganda Riechen (Riihshin) jedhamtu Baaselitti dhihootti awwaalamte. Baasel magalaa SiwiiZarlaanditi.

Namoonni Riihshin keessa jiraatan baay’ee waan ishee jaalataniif imimmaan isaanii lolaasanii isheef boo’an. Awwaala ishee irratti maqaafi bara dhalootaa isheetu barreeffame; itti dabalees ‘‘Itoophiyaan harka ishee gara Waaqayyootti ni bal’ifti.’’

Du’a ishee waggoota muraasa booda misiyooniin Swiss tokko nama Oromoo kan biraa Ruufoo Daangilaa (D1849-1871) jedhamu, Matammaa bakka jedhamutti garba ta’ee kan gurgurame, bitee birmaduu isa baase. Akka Ludwig Krapfin Macaafa Qulqulluu afaan Oromootti hiikuu gargaaruuf gara St. Chrischonaatti erge.

Kitaabni waa’ee Ganamee ‘‘Galla-Booklet’’ jedhamee barreeffame, afaan baay’etti hiikamee gurguramee bu’aa guddaa fide. Karaa kanaan sabni Oromoo Jarmaniifi biyyoota Awurooppaa kaan keessattis ni beekame. Horii kanaan hojiin Macaafa Qulqulluu afaan Oromootti hiikuufi biyya Oromoo ga’uun ittiin hojjetame. Macaafni Qulqulluun Ludwig Krampf inni gargaarsa Ruufotiin hiikame dura Qubeedhan bara 1844tti barreeffame. Garuu yeroo macaaficha biyya Oromootti geessan Minilik biyya Oromoo cabsee mootummaa isaa diriirsee waan tureef bara 1870 keessa gara fidalaatti jijjiran.

Hawwii duraan Ganameefi Ludwig Krapf biyya Oromoo bilisa ta’e, ‘‘Ormania’’-tti wangeela babal’ısuuf qabu turan hafee, sirnaafi qubee bulchitootaa diriirsuu ta’e. Minilik akkamitti akka Misiyooniin Oromoota barsiisan yommuu argu, akka isaan nama isaas barsiisaniif gaafate. Yeroo iyyannoon Minilik kun St. Chrischona ga’u bara 1872. Kanaaf Ganameen Oromoo Awuroppaa seenan hunda keessaa Ambaasaaddara Oromoo duraati jechuu dandeenya. Isheen hojii misiyoonii duuba isheetin gaanfa Afrikaa keessatti hojjetamuuf tureef maasii qopheessite.

Ganameen boqottee waggaa tokko booda Hiikaa Awwaajii (Oneesimos Nasib), waggaa 15 booda Gannoo Salban (Asteer Gannoo) biyya Oromootti dhalatanii, akkuma Ganamee ijoollummaan gabrummaatti gurguramanii, wangeela fudhatanii mul’ata Ganamee hojii irra oolchuu danda’an.

Namichi Wolbert Smith jedhamu waa’ee garbittii biyya Oromoo irraa dhuftee, Pauline Faxumaa ‘‘Bu’uura Misiyoonii Warra Wangeelaa gara Oromoo’’ kan jdhu keessatti akkas jedhee barreesse;

 Namoota gara Jarmanii dhufan kana keessaa Pauline Faaxumaa nama jalqabaa ta’uun ishee shakkii hin qabu. Macaafni seenaa ishee xinnaan tokko du’uu ishee booda baruma 1855 keessa barreeffamee maqaa isheetin eebbifame. Akka odeeffannoo barruulee xinnoo (Brochure) Birooshuur-tti irra deddeebi’amee yeroo hedduu maxxanfamee, Ingiliffa dabalatees afaanota baay’eetti hiikame. Ogbarruun kun dhaabbilee misiyooni Jarmanii, Switzerlandifi Ingilandi keessa jiran.

Seenaa ogbarruu Oromoo isaan jalqabaa ijoollee Oromoo gabrummaan gurguraman  kanneen akka;

Waareefi Gaboo Limmuu       

Bilillee Saannaa

Ooshuu Aagaa

Ganamee Yaa’ii

Amaan Goondaa

Ruufoo Daangilaa

Hirphee Abbaa Magaal 

Dilboo Garbaa

Bishoo Jaarsaa

Beerillee Bookkoo

Hiikkaa Abbaa Awaajii

Aster Gannoo

Walumaagalatti ijoollee Oromoo gabrummaan gurguramanii Awurooppaa ce’an kanneen akka Waaree, Gaboo Limmuufi Bililleetti aantee durbeen Oromoo adduunyaatti beeksifte Ganamee Yaa’ii akka taate seenaan ni ibsa.

Kitaaba ‘‘DUBARTOOTA CABSANII KARAA BAASAN JALQABAA (1832-1916)’’ jedhu fuula 1-10

Kitaaba Seenaa Gootota Shanan Gibee

Yaadichaaf deebii kenni

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Oro_ETORO
Scroll to Top