Ibsa Waldaa Barreessitoota Oromiyaa (WBO)

Yaa’ii Waliigalaa Marsaa 12ffaa Milkaa’inaan Taasifame

Waldaan Barreessitoota Oromiyaa (WBO) guyyaa kaleessaa Yaa’ii Waliigalaa marsaa 12ffaa isaa Finfinnee Galma Giddugala Oromootti geggeessuun milkaa’ina guddaadhan xumure. Yaa’in kun miseensota waldaa hedduu hirmaachise; akkuma duudhaa waldaa kanaatti, hojiiwwan bara darbe gabaafamee, karoora hojii bara dhufuuf tarkaanfii murteessaa ta’an irratti mariin bal’aan gaggeeffame.

  • Gabaasafi Karoora Hojii: Gabaasni hojii bara 2017 dhiyaatefi karoora bara 2018 irratti mariin bal’aan taasifame. Miseensonni yaadota bu’uuraa kennuudhan, hojiiwwan waldichaa daran cimsanii hojiirra oolchuuf walii galteefi jajjabina isaanii mul’isan. Kanaanis, waldichi kaayyoo bu’uureffama isaa dhugoomsuf hojiiwwan faayidaa bara baraa qabu hojjechuuf kutannoon qophiitti akka jiru ibsameera.
  • Fooyya’iinsa Danbii: Yaa’ii waliigalaa kanaan fooyya’iinsi danbii ittiin bulmaataa Labsii Lakk. 254/2016 irratti hundaa’un gaggeeffame. Marii bal’aan taasifameen mirgoonnifi dirqamoonni miseensotaa haala ifaafi quubsaa ta’een ibsamuun, danbichi bakka bakka bu’aan Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa jirutti sagalee guutudhaan mirkanaa’eera. Kunis waldicha seeraan, sirnaanifi haqaqabeessa ta’ee akka itti fufuuf bu’uura cimaa ta’eera.
  • Filannoo Koree Hojiraawwachiiftuu: Waldichi akka qajeelfama danbii isaatti filannoo gaggeesseera. Filannoo taasifameen, hoggansi duraanii marsaa itti aanuuf irra deebin filatamuufi miseensonni haaran lama itti dabalamuudhan Koreen Hojiraawwachiiftuu haaran hundaa’eera. Miseensonni filataman:
  • Roobinaa Shuumii – Pirezidaantii
  • Wabii Kabbadaa – Itti aanaa Pirezidaantii
  • Kaanenus Kaasaa – Barreessaa
  • Naatinaa’el Taarikuu – Sabqunnamtii
  • Fileetan Nagaasaa – Abbaa Herregaa
  • Hiikaa Lammaa – Miseensa
  • Gaaddisee Minkafuu – Miseensa

Miseensonni kun ogummaafi dandeettii isaanii irratti hunda’uun, hojii waldichaa waggaa afran itti aanuf hoogganuuf itti gaafatamummaa guutuu fudhataniiru.

  • Hundeeffama Koree Dhimma Hawaasummaa: Yaa’ii waliigalaa kanaan dhimmoonni faayidaa miseensotaafi waldaa akka bal’inaan hordofamuuf Koreen Dhimma Hawaasummaa miseensota torba qabu ijaarameera. Koreen kun waggaa afuriif hojii itti kenname raawwachuuf itti gaafatamummaa fudhateera. Miseensonni filataman:
  • Roobinaa Shuumii
  • Ittafaa Guddinaa
  • Hararsheet Tarrafaa
  • Jamaal Kadiir
  • Getaachoo Rabbirraa
  • Abdiisaa Guyyee
  • Namsoo Gadaa

Koreen kun dhimma faayidaa miseensotaa, deeggarsa hawaasummaafi tajaajila barbaachisaa garaagaraa haala barbaachisaa keessatti sochii akka taasisuu qabu mirkanaa’eera.

  • Miseensota Haaraafi Buusii: Yaa’ii waliigalaa kanaan, miseensota haaraa 65 simachuudhan, miseensonni kun yeroo kanaa eegalee mirgaafi dirqama miseensummaa guutuu ni qabaatu jedhamee murtaa’eera.

Akkasumas, buusii miseensummaa kan duraan waggaatti Qar. 1,000 ture, amma kaasee Qar. 2,000tti olguddisuun, ji’a Fulbaanaa irraa jalqabee marsaa afuriin ni kaffalama jedhamee sagalee guutudhaan murtaa’eera. Tarkaanfiin kun waldicha qindoomina maallaqaan jabeeffachuuf murteessa ta’ee argameera.

  • Xumuraafi yaada jajjabeessaa marii egeree waldichaa irratti taasifameen, miseensonni yaadota jajjabeessaa dhiyeessuun:

Waldichi hojii isaa akka jabaatee itti fufu,

Miseensonni hojiiwwan waldichaa ogummaadhaan deeggaruu,

Buusii miseensummaa yeroon kaffaluun waldicha jabeeffachuu irratti walii galaniiru.

Waldaan Barreessitoota Oromiyaa (WBO) hojii seenaa qabuufi boonsaa hojjechaa jiru jabeessee marsaa haaraa jalqabuuf qophii ta’uu isaa mirkaneesseera. Yaa’iin waliigalaa marsaa 12ffaa kun seenaa waldaa keessatti iddoo olaanaa qabaachun, injifannoofi kutannoo haaraa galmeesseera.

Yaadichaaf deebii kenni

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Oro_ETORO
Scroll to Top