YAA’II WALIIGALAA WALDAA BARREESSITOOTA OROMIYAA Hagayya 30/2018

YAA’II WALIIGALAA WALDAA BARREESSITOOTA OROMIYAA

Hagayya 30, 2018

Waldaan Barreessitoota Oromiyaa Yaa’ii Waliigalaa Bara 2018 guyyaa har’aa (Hagayya 30, 2018) Galma Giddugala Aadaa Oromootti gaggeessee jira. Yaa’in Waliigalaa kun bakka bakka bu’aan Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa argametti kan gaggeeffame yoo ta’u, mataduree “OGBARRUUN KEENYA DOONII EENYUMMAA, SEENAA, AADAFI AFAAN KEENYATI” jedhuun adeemsifameera.

Yaa’ii Waliigalaa kana irratti:

  • Gabaasni Raawwii Hojii Bara 2018 dhiyaatee irratti mari’atameera.
  • Dhimma naamusaa wajjin walqabate Yaa’ii Waliigalaaf dhiyaatee murtoon darbe yaa’ichaan raggaasifameera.
  • Karoora Hojii Bara 2019 dhiyaatee irratti mari’atamee raggaasifameera.
  • Dhimmoonni ijoo Waldichaa irratti marii bal’aan gaggeeffameera.

Gama biraatin, namoonni kallattii garaagaraatin Waldaa Barreessitoota Oromiyaa waliin hojjechuufi hojiiwwan Waldichaa keessatti qooda fudhachuu barbaadaniif balballi banaa ta’uu ibsameera.

HORAA BULAA!

Yaadichaaf deebii kenni

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Oro_ETORO
Scroll to Top