Waa'ee Waldaa Barreessitoota Oromiyaa

Waldaan Barreessitoota Oromiyaa (WBO) bara 2010 ALA tti barreessitoota Oromoo buleeyyiifi quuqama qabaniin magaalaa Finfinneetti hundeeffame. Waldaan barreessitoota Oromoo bara 2010 qaama Mootummaa Federaalaa irraa eeyyama guutuu erga argatee , Fulbaana Bara 2011 /2019 immoo danqaawwan gama mootummaa federaalaa irraa nu mudate ilaalcha keessa galchuun akkasumas barbaachisummmaan isaa waan itti amanamee eeyyama keenya gara mootummaa naannoo Oromiyaatti jijjiirree Mogaasa isaas Waldaa Barreessitoota Oromiyaa gara jedhutti jijjiirratee hojiiwwan adda addaa hojjechaa jira.

Kaayyoo WBO”n hundeeffame keessaa muraasni:   

  • Barreessitootni dhiibbaa siyaasaa, amantaa, saalaafi dinagdee tokko malee hojii isaanii ummataaf akka gumaachan haala mijeessuu.
  • Barreessitoota lafaa dhufeeyyii oguma qabatanii rakkoo dinagdeedhaaf hojiin isaanii ummata bira gahuu dadhabe tumsu.
  • Nuffii tokko malee dagaagina ogbarruu oromoof tumsa barbaachisu taasisuu.
  • Kitaabileen Afaan Oromoon maxxanfaman dubbistoota akka qaqqaban deeggarsa barbaachisu taasisuu.
  • Barreessitoota Oromoof naannoo hojii mijaataa uumuu. Barreessitoota oguma adda addaa keessa tahanii hojii barreessuu irratti bobba’aniif gahumsa ogumaa leenjii kennuudhaan gahoomsuu. Meeshaalee waajjirichaaf oolan kanneen akka teessumaa, kompitaraa, piriintariifi kan biroon bitameera.

Hojiilee gurguddoo armaan dura waldichi milkeesse:

  • Barruu ‘Egeree’ jedhamuufi maxxansi isaa ji’aan yeroo tokko maxxanfamuuf hojjechiisaa jira.
  • Kitaaba NAMUMMAA jedhamu kan barreessitoota jajjaboon barreeffame maqaa Waldichaan maxxansiiseen jira.
  • Barreessitoota oladeemoo kan hojiin isaanii gabaatti hin baane waldorgomsiisuun hanga ammaatti kitaabilee 5 maxxansiisuu danda’eera.
  • Hojiilee gargaarsa namoomaa waliin walqabatan danuu hojjetee jira
  • Sadarkaa, hudhaalee fi furmaata ogbarruu Oromoo irratti xiyyeeffate ilaalchisuun miidiyaadhaan yeroo adda addaatti hubannoo kennaa jira.
  • Dhimmoota aartiifi ogbarruu ilaallatan irratti waajjiraalee garaagaraarraa xalayaadhaan waamichi yeroo taasifamu miseensota erguun hirmaannaan taasifameera.
  • Kana malees barreessitoonni hedduun akka hojii isaanii ummata biraan gahan gargaarsa ogummaa akkasumas xalayaa deeggarsaa ni barreessa.
  • Bara 2019/20 miseensaa fi hundeessaa waldichaa kan tahe Obbo Gaaddisaa Birruu wayita dhukkubsatu sagantaa galii walitti qabuu, dokimantarii seenaafi gumaata ogbarruu inni taasise mul’isu akkasumas, hojiilee isaa ummatatti baasuuf hojiin hojjetameera.
  • Dabalatanis dokimantariin seenaa fi hojii Bareessaa Gaaddisaa Birruu irratti xiyyeeffate abbummaa waldichaan hojjetamee ummataaf agarsiifamee jira. Dokimentariin kunis miidiyaalee adda addaan dhiyaateeti jira.rd branch in Ambo City.

Qulqullina, hawwattummaafi miidhagina Ogbarruun Oromoo mirkaneessuu.

Waldaan Barreessitoota Oromiyaa barreessitoota Ogbarruu Afaan Oromoofi dhimma Oromoo afaan birootiin barreessan jabeessuudhaan, hojiilee oguma Oromoo gabbisuun, muuxannoo addunyaa waliin dorgomsiisuuf hojjechuu.

Ogbarruun Oromoo caacculee saayinsii barreeffamaa guuttachuun, beekamtummaa argatee gara afaanota addunyaa birootti akka hiikamuufi Oromiyaa wiirtuu ogumaa taasisuu.

Sirna barreeffama Afaan Oromoo gabbisuun, safuu, aadaafi afoola Oromoo kunuunsaa hojiilee Ogbarruu Oromoo ni dagaagsina.

Oro_ETORO
Scroll to Top