Waldaan Barreessitoota Oromiyaa Onkoloolessa 18, 2016 jechuunis Dilbata miilanaa waaree booda sa’a 7 irraa eegalee, Hoteela International Ililliitti, sirna badhaasa Ogbarruu Gaaddisaa ni adeemsisa.
Sirna Badhaasaa kana gubbaatti:
- Kitaabota Ogbarruu bara 2014 (Akka lakkoobsa Itoophiyaatti) maxxanfaman keessaa, kitaabni filatamaa ta’e ni badhaafama.
- Og-barreessitoota Afaan Oromoo, dhiibbaa uuman 12’f beekamtiin ni kennama.
- Badhaasni Galma Umurii Guutuu (Life Time Achievement) barreessaa Oromoo tokkoof ni kennama.
- Gaazexeessitoota dhimma Ogbarruu Afaan Oromoo irratti guddoo hojjetan sadiif beekamtiin ni kennama.
Qophiileen bashansiisoo addaa addaas ni jiru.
Irraa hin hafinaa!
