WAAMICHA YAA’II

Miseensota Waldaa Barreessitoota Oromiyaatif
Akkuma armaan olitti ibsamuuf yaalame Waldaan Barreessitoota Oromiyaa hojiiwwan guddina Ogbarruu, Afaan, Seenaafi Aadaa Oromoo irratti shoora guddaa taphachuudhan haalota keessa tureefi gara fuulduraatti irratti hojjechuu qabu irratti yaa’ii walii galaa taasisuun, miseensota isaa mariisisee caalatti fuulduratti tarkaanfachuu barbaada.
Kanaan walqabatee dhimmoonni gurguddoon yaa’icha irratti dhiyaachudhaaf qophaa’an:
Gabaasa Raawwii hojiifi Karoora gara fuulduraa
Fooyyeessa dambii ittiin bulmaata waldichaafi waldicha irra deebidhaan galmeessuu (Qajeelfama 254/2016 Biiroo Abbaa Alangaa Oromiyaa irraa dhufeen)
Filannoo Koree Hoji-raawwachiiftuu
Marii egeree waldichaafi miseensota waldichaa irratti xiyyeeffate kanneen ta’aniidha.
Haaluma kanaan, miseensi kamiyyuu yaa’ii kana irratti argamee sagalee isaa dhageessisuu akka qabuufi miseensi argamuu hin dandeenye, qaama seera qabeessa irraa waraqaa bakka bu’iinsatiin nama ergatee sagalee isaa dhageessisuu qaba. Gama biraan, namoonni kana dura miseensa ta’uuf waldichatti guca miseensummaa guuttanis yaa’icha irratti argamuun dirqama akka ta’e waldichi cimsee isin hubachiisa.
Bakka Yaa’ii: GIDDUGALA AADAA OROMOO
Guyyaa: Adoolessa 13/11/2017 ALH
Yeroo: Sa’aatii 2:30
HUBACHIISA
Namoonni yaada mariif ta’u qabdaniifi yaa’icha irratti akka mari’atamu barbaaddan, guyyaa yaa’ichi gaggeeffamu torban tokko dursuudhan yookan guyyaa beeksifni kun bahe irraa eegalee hanga gaafa Adoolessa 05/2017’tti yaada keessan karaa koree hojiraawwachiiftuu waldichaaf akka ergitan kabajaan isin beeksifna.
Nagaa Wajjin!
Waldaa Barreessitoota Oromiyaa
Finfinnee, Oromiyaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

en_USEN
Scroll to Top