Abdii Qophee
Abdii Qophee
Name:
Abdii Qophee

Phone:

Address:
Oromiyaa
Books:

1. Wallee Afaan Oromoo 500 ol

Bio

Bara 1945-tti haadha isaa Faaxumaa Mohammadnur fi abbaa isaa Mohammad Yuusuf Abdusabuur irraa Godina Harargee Bahaa aanaa Dadar naannoo magaalaa Soqaa bakka Qalaadii jedhamutti dhalate.
Maatii Oromoo bara mootummaa Hayille Sillaasee keessa lafa bal’aa qaban keessaa kan dhalate namni kun kunuunsaafi qannootiin guddate.

Maatii dureessarraa waan dhalateef carraa barnootaa argachuun kutaa 1-8 Dadaritti kan argamu mana barumsa Abarraa Gizaaw jedhamutti barate
Cimina barnootaan fiixee namaa waan tureef barsiisoonni mana barumsichaas akka malee isa jaalatu turan. Barnootasaa Kutaa 1-8 Dadar erga xumure booda barnoota itti aanu kutaa 8-12 Dirree Dhawatti barate.
Bara 1960’oota keessas barataa Seenaa ta’uun Yuunvarsiitii Qadaamaawwii Haayilesillaasee seene.

Barataa Yuunvarsiitii ta’ee osoo jiruu maallaqa maatiinsaa erganiifirraa walitti qabachuun, Gitaara bitate.
Gitaarrisaa kun muuziqaatti isa firoomsite. Abbaa yeedaloofi walaloo Oromoos isa taasifte.

Kana qofas hin turre, barattoota Oromoo Yuunvarsiitii Haayilesillaasee waliin ta’uun warraaksa adda addaa qindeessaa ture.

Barruu Afaan Oromoo ‘Kana Beektaa?” Jedhu kan barattoonni hundeessan irrattis, walaloowwan barreessaa, hojiisaafi uummata walitti fulche.
Battaluma jaalalli ogbarruufi muuziqaa isa injifataa dhufuunus, Barnoota Yuunvarsiitii adda kutuun gara qe’eetti deebi’e qe’ee dhalootasaa Harargeetti deebi’ee osoo jiruu gaazixeessitoota isa dura turan kan akka Husseen Aadamii fi Tamasgeen Gammadaa faa wajjiin Raadiyoo Harar hojachuu eegale.

Namni kun sagabtaa “Qophee Afaan Oromoo” jedhu Raadiyoo Harar irratti dabrsuu yeroo eegalurraa kaasee, maqaan isaa kan Abdii Mohammad ture Abdii Qophee jedhamuu eegale.
Obboloota 52 waliin kan dhalate gootni kun, aduu ta’ee Ogbarruu fi aartii Oromoof ifeera. Akkuma maqaa isaas abdii miliyeenotaa ta’uun, dhaloota qareera.

Afaan Oromoo afaan aartii afaan muuziqaa, afaan miidiyaafi afaan walii galtee akka ta’uufis, waaltina Afaan Oromoo har’aa keessatti hojiileesaatiin ashaaraasaa guddaa kaa’ee darbeera.
Jireenyasaa hunda guddina Afaan Oromootiif kan wareege Barreessaafi Waloo Abdii Qophee, yeroo lubbuun jirutti, wallee Afaan Oromoo kumaatamaan lakka’aman, Artistoota Afaan Oromoo bebbeekamootiif barreesseera. Isaan keessaa, Alii Birraa, Abbitawu Kabbadee, Eebbisaa Addunyaafi Sittiinaa Abbaa Duulaa akkasumas kan biroo hedduu maqaa dhawuun ni danda’ama.

Tokkummaa oromoo irratti gahee olaanaa taphatee kan darbe gootni Oromoo Abdii Qophee osoo guyyaa tokko qabsoo sabaa gama muuziqaan taasisuu irraa of hin qusatin bara 1997 dhukkubsachuun addunyaa kanarraa du’aan darbeera. Abdii Qophee abbaa maatii lamaa yoo ta’u, walumatti joollee shan horateera.

Waldaan Barreessitoota Oromiyaas Badhaasa Ogbarruu Gaaddisaa isa jalqabaa kanarratti, damee Walleetiin beekamtii kennuufiin, yeroo dhihoottis miseensa Waldaa Barreessitoota Oromiyaa Abbaa Seeraa Obbo Tuujii Ibraahimiin seenaa goota kana kitaabaan qopheessanii waan jiraniif, haala mijeessuun uummata qaqqabsiisuuf waadaa ni seena.

Waldaan Barreessitoota Oromiyaa badhaasa ogbarruu Gaaddisaa jalqabaa bara 2014 geggeesse irratti beekamtiifi badhaasa isaaf kennuun goota kana yaadateera.

Tuujii Ibirahimiin

en_USEN
Scroll to Top