Boonsamoo Mi’eessoo
Boonsamoo Mi’eessoo
Name:
Boonsamoo Mi’eessoo

Phone:

****
Address:
Arsii
Books:

Kitaabota isaan barreessan:

  1. MADAALA SAMMUU
  2. LOOGA OROMOO ARSII
  3. GADAAN BULII

Bio

BOONSAMOOO MI’EESSOO

Obbo Boonsamoo Mi’eessoo Godina Arsii Aanaa Muunessaa ganda Heebaan Dhubboo jedhamutti bara 1947 abbaa isaanii Obbo Mi’eessoo Alaakoo fi haadha isaa Aadde Waashoo Badhaasoo irraa dhalate. Obbo Boonsamoo Mi’eessoo akkuma ijoollee hawaasa Oromoo baadiyaa kamuu horii tiksaa fi korboo(tapha ijoollee) taphataa guddate. Adaduma guddataa deemaniin Obbo Boonsamoon waa buusaa baasaa yaaduu eegalan. Barri isaan dhalatanii itti of beekan bara mootii Aste Hayilasillaasee ture. Barichi Oromoodhaaf gaarii hin turre. Bara cabacabsanii itti Oromoo koloneeffataniidha. Asteen kun Oromotti woyaa garbummaa uffisee lafa, horii,aadaa sirna ittiin bulmaata isaa fi amantaa Oromoo ganamaa caccabsee nyaate. Yoo tokko danfa cobsee hojjatee fidee; isa dharaan muudamee abbaa lafaa jedhamuuf geessu laalee , osoo eenyummaa isaa irraa mulqanii “kana fakkaadhu” jedhaa rakkisan laalee keessa isaatti quunqunfatee/Biibbee gubata hamma ijoollummaa isaatti.
Akkuma umriin isaa barnootaaf gaheen mana barnootaa galee kutaa 1-3 achuma iddoo dhaloota isaanii Muunessaa Qarsaa bakka jedhamutti mana barnoota Gojichaatti baratan.

Ammas itti fuufuudhaan aanama sanitti mana barnoota Misiyoonii Qarsaa 4-6 baratanii; 7-8 immoo Saguretti darbuudhaan baratan. Eega sadarkaa tokkoffaa haala kanaan xumuranii itti aanee magaalaa Asallaa mana barumsa wolii gala(Asallaa axxaqaalaay) jedhutti galanii 9-11 barataa osoo jiran duulli tokko dhufe. Barri isaa 1964-1967 yoo ta’u ‘’Duula Gamtaa Beekkumsaa’’ jedhamuun beekamuudha. Iddoon Obbo Boonsamoon bakki itti duulaaf ramadaman immoo Arsii bahaa Koonyaa Cilaaloo aanaa Zuwaay dugdaa(Baatuu) ture. Obbo Boonsamoon duula irratti:-
Seenaa fi uumee ganamaa ummataa wolitti qabuu, keessaayyuu aadaa Oromoo Arsii irratti qorannaa geggeessee barreessee maxxansuu.
Hojii mootummaan itti kenne adeemsisuu Dargaggoota gurmeessuun akka sirna garboomsaa san itti finqilan gochuu Hawaasni Oromoo jabaatee baratee of jijjiiruu akka qabu hubachiisuu fa ture.

Bara ummanni hin dammaqin san keessa ummanni akka baratuuf kakaasuu Wolaloo hedduu Afaan Oromoo fi Afaan Amaaraan barreesssanii ummataan kakaasuu
Diraamaa , tapha ijoollee , sirboota hedduu Raadiyoo Afaan Oromoof kennuun dhiyeessuu Aartistoota hedduu wolaloo barreessaafi akka gara aartii dhufan gochuu Ogummaa fi bilchinna qabaniin siyaasa irratti gorsa kennuu
Falmaa mirga dubartii ta’uuu, mirga dubartiin sirna Gadaa keessatti qabdu barreessuun dhiyeessuu iddoolee garagaraatti Meeshaalee aadaa Oromoo baadiyaa keessa deemuun wolitti qabee baayyinna dhibba lamaa (200) ol kan ta’an Aadaaf Turiziimii Oromiyaaf gumaachuu ture.

Guyyaa jimaataa Masgiidatti; Guyyaa dilbataa woldaa “Mission Protestant Asalla” ka Oromoon geggeessutti fayyadamuun ergaa dabarfataa turan.
“Haa baratuu dhiirrillee

Haa barattuu dubarrillee
Seerri moofaan sun hafee buuttaanillee”

Baranoota isaanii cinatti 1967-69 worraaqsa cimaa geggeessaa turan.
Yeroo gabaabaa keessatti dargaggoota sadarkaa lammaffaa 2ffaa barataniif qophaayinnaa 165 kan gurmeessan yoo ta’u; uffata mootummaa itti uffisaa qajeelchu. Dargaggootaa fi barattoonni bara san leenjii gahaa argatanii qabsoo Oromootti dabalaman muraasni:- Nadhii Gammadaa, Wondimmuu Ibsaa, Amaan Gammadaa(Obboleessa Nadhii Gammadaa) fi barattoota hedduu leenjisanii baasan.

Bara 1968 wol gahiin guddaan aanaa Baatuu(Zuwaay dugdaatti) godhame. Wolgahii kana irratti gareen Obbo Boonsamoon leenjifame sirbaaf affeeramee Asallaa dhufe. Ijoolleen kunneen woltajjii irratti bahanii sirbuu sodaatan ummata afotti. Yeroo kana Obbo Boonsamoon mala tokko dhahan. Ijoolleedhaan “ani ni sirbaa isin achi bahaati sochii qofa agarsiisaa” jedheen. Ijoollee woltajjii irratti yaasanii Girdoo(Magaarrajaa) duuba dhaabatanii sirba itti fuufaan.

“Kurkurrittii akka mooyyee bunaa
Ni turti malee
Inuma baati dhugaan
Inuma baati gumaan
==============
Bilisummaa tiyyaa
Bilisummaa tiyyaa
Yookii bilisummaa
Ta’u baannaan du’a lubbuu kiyyaa”

Boonsamoon ciigoodhaan akka waan intala jaalateef sirbeetti ergaa cimaa dabarfatee uummataaf sagalee ta’us hidhuudhaaf barbaacha eegalan bariisaa. Akka barbaadaa jiran dhagayee dabalees ergaa dabarfate.

“Fagoodhaa gala
Fagaadhaa jalaa
Fagoo seetanii
Asittuu jiruu badduu leeta”

Sababaan adabuu barbaadaniif:-“Afaan simbiraatiin wol-tajjii irratti dubbate, dargaggeeyyiin akka ABO’tti makamaniif qindeesse, wolaloon uummata nurratti kakaase, aangawoota mootummaa ummata afotti arrabse” ka jedhuufi sababoota dhugaa hin taane itti barbaadanii hidhan. Bara 1970-73 hidhuudhaan ajjeechaaf goolii diimatti/Qayyi shibbir dhiyeessan. Boodarra namoota murtiin du’aa itti murteeffamee lubbuudhaan hafan wojjiin lubbuu isaa hafte.

Bara 2000/Barkumee as ammo waajira Aadaa fi Turiziimii Arsii lixaa keessatti goda hambaa qopheessuudhaan meeshaalee aadaa/hambaalee seenaa qabatamoo ta’an goda hambaa galchuu fi barreessuudhaan dalagaa nama ture. Magalaa shaashamannee keessatti mana uffata aadaa fi mana kitaabaa Oromoo dursee banuudhaan aadaa kitaaba Oromoo dubbisuu kan jabeesse yoo ta’u; karaa uffata aadaanis uffanni aadaa Oromoo madda galii fi ammayyaayee akka uuffatamuuf nama karaa saaqeedha. Barreessitoota hangafaa Oromoo wijjiin ta’uudhaan “Waldaa Barreessitoota Oromiyaa” dhaabuudhanis haga gaafa boqatuutti dalagaa ture.

Obbo Boonsamoon barsiisaa afaan Oromoo ta’ee barsiisaa turanii jiru. Akkasumas kitaabota jaboo:

1. MADAALA SAMMUU

2. LOOGA OROMOO ARSII

3. GADAAN BULII jedhaman kan barreessaniifi GAAZEXAA BARIISAA irratti jalqaba nama hirmaateedha.
Obbo Boonsamoo Mi’eessoo dhukkubsatanii biyya keessaafi alatti yaalataa erga turanii booda Muddee 15, 2013 du’aan addunyaa kanarraa boqatan.

Qopheessaan Abdiisaa Turii Nabii (BA)

(Waldaa Barreessitoota Oromiyaa Damee Kibbaa)

Caamsaa 2022

en_USEN
Scroll to Top