Dhaabaa Wayyessaa
Dhaabaa Wayyessaa
Name:
Dhaabaa Wayyessaa

Phone:

****
Address:
USA
Books:

1. Hirmaannaa Ogbarruu Afaan Oromoo Obbo Dhaabaan ittiin beekaman:

  1. Godaannisa 1992 GC
  2. Gurraacha Abbayyaa 1996 GC
  3. Dukkanaan Duuba 1991 GC
  4. Jennaan 1992 GC
  5. Imimmaan 1993 GC
  6. Fuula Dhokate 1994 GC
  7. Faana Miillaa 1996 GC

Bio

1. Seenaa Barreessaa Guddicha Dhaabaa Wayyeessaa

Dhaabaa Wayyeessaa Fulbaana 22, 1966 Oromiyaa lixaa, ona Eebantuutti baadiyyaa fagoo bakka Jaggaa Lootuu jedhamutti dhalate, Jaggaa Boxeetti guddate. Barataa sadarkaa duraa fi lammeessoo yeroo turetti fedhiin oguma (art) fi ogbarruu (literature) isa keessatti jabaachuu eegale. Garuu ogumni barreeffamaan maxxanee dhiyaate hawaasicha keessa kan hin turre yoo tahu, kan jiranis Afwalaloo fi weelluuwwan aadaa qofa turan. Asoosamoonni Afaan Amaaraa qofa argate dubbisuu akkuma itti fufeen, kaka’umsi barreessuu keessa isaatti lubbuu horatee asoosamoota fi walaloowwan ofii barreessee baasuu abjoochuu eegale.

Garuu dandeettiin isaa Afaan Amaariffaa asoosama barreessuuf gahaa tahe hin beekneef abjuu isaa milkeessuutti danqaa tahe. Sanaan duraa fi yeroo sanatti Afaan Oromoo, afaan dhalootasaa, barnoota idileefi hojiilee maxxansaaf Mootummaa Itoophiyaatiin hin eyyamamne ture. Dhiibbaawwan kana keessatti, Dhaabaan yeroo barataa sadarakaa lammaffaa turetti taphoota gaggaabaaboo fi walaloowwan naannoolee jiraatee fi yeroo gabaabaafillee ture manatti barreessuu fi qopheessuudhaan hawaasa naannoo isaaf dhiheessaa ture.

Mana barumsaa sadarkaa lammaffaa xumuree kolleejjii Barsiisota Bahiirdaar yeroo seenetti, barsiisonni muraasni fi barattoonni Amaariffaa dubbachuun of tuulan Afaansaanii yeroo dubbatu hir’ina qabaachuu isaatiin itti qoosu turan. Haa ta’u malee murannoon inni beekumsaa fi dandeettii ogbarruu guddifachuuf qabu cimaa waan tureef duubatti hin deebine, abdii hin muranne. Barreeffamoota waa’ee ogbarruu hubannoo laatan, mana kitaaba kolleejjichaa keessaaa barbaadee dubbisuu fi qu’achuu itti fufe. Carraaqqii fi shaakala taasiseen Afaan Amaaraa irratti gahumsi oguma (art) isaa keessumaa gama barreessuutiin haalaan fooyya’aa dhufe.

Asoosama gabaabaa “Megnexisaawii Simmeet” jedhamuu fi Walaloo “Immaammaa” jedhamu barruulee eebbifamtootaa Kolleejjii Bahiirdar waggoota lama walitti aananiif maxxansaman keessatti fudhatamanii maxxansamuun akka dandeettiin isaa ifatti bahu taasise. Hamilee isaas daran cimse. Ittaansuunis asoosamootaa gaggaabaaboo fi walaloolee muraasa barruulee waajiraalee mana barnootaa Horroo Guduruu adda addaa keessatti maxxansiisee ture.

Tahus garuu, ummanni Oromoo baay’inaan Itoophiyaa keessatti guddaa tahe kan lakkoofsaan miliyoona soddomii shanii ol tahu mootummaa dhufaa-darbaa Itoophiyaatiin akkamiin akka dhiibbaafi garbummaa hamaa jala tursiifame keessoosaatti of gaafataa fi dhibamaa nama guddate, Dhaabaan. Ogabrruun barreeffamaa kan Oromoo biyyattii keessaa dhabamuun agarsiistuu hacuuccaa uummaticharra jiruu tahee itti mul’ata ture. Xiiqiis keessa isaatti uume.

Koolleejjii Barsiisota Bahiirdaar irraa eebbifamee eega bahee booda Mana Barumsaa Sadarkaa Lammaffaa Amuruu, kan Horroo Guduruu Wallggaa keessa jirutti ramadamee bara 1986 GC hanga bara 1989 GC’tti barsiisummaan tajaajile. Akkuma hojii barsiisummaa jalqabeen Afaan Oromootiin asoosamoota gaggaabaaboo, taphoota Raadiyoo, Fookloorii fi Artikiloota garaagaraa qophii bashannanaa kan Sagantaa Oromoo, Raadiyoo Biyyaalessa Itoophiyaa yeroo sana tureef barreessuutti kahe. Sababaa kanaa hojiiwwan al tokkotti dhaggeeffatootaan simataman, jaalala guddaa argatan.

Akkasumas yeroo kufaatii sirna mootummaa abbaa irree Dargii fi ijaarsa mootummaa ce’umsaa bara 1991, Dhaabaan carraa afaan dhalootasaan diraamaa yokaan taphadooyaa dheeraa barreessuu argate. Tiyaatirri milkaawaan Dhaabaan barreesse “Dukkanaan Duuba” (Beyond the Darkness) jedhamu Bitootessa 1991 Galma tiyaatira Biyyaalessa Itoophiyaatti sirna how’aadhaan baname, seenaa keessatti do’ii ammayyaa dheeraa doyaa akkanaa irratti uummataaf dhihaate isa jalqabaa tahe . Battalumatti, hojiiwwansaa dhaabaa laphee uummata Oromoo fi miidiyalee baay’ee hawwate. Yaada miidiyaalee irratti maxxansaman keessaa haga tokko akka fakkeenyaatti yoo ilaalle:

Herald Itoophiyaa (The Ethiopian Herald), gaazexaa Ingiliffaa tokkichi biyyattii keessatti maxxansamuu fi yeroo sana baay’ee beekamaa ture, waa’ee do’ii Dhaabaa jalqabaa sana barreeffama Gurraandhala 19,1992 maxxanse keessatti, “‘Dukkaanaan Duuba’n Afaan Oromootiif akaakuu barreeffamaa fi dhiyeessi doyaatiin hojii isa jalqabaati. Badhaadhina ogumaa (art) fi suga qabeessummaadhaan dhimmoota hawaasummaa fi siyaasaa mootummoota Itoophiyaa darbanii ibsuudhaan kan milkaa’ina guddaa gongate,” jedhee ture.

Addis Zemen, Gaazexaa biyyaalessaa, taphadooyicha qaaccessuun Gurraandhala 7,1984 ALI maxxansa baaseen “Hundee fi utubaa ol ka’umsa oguma (aartii) fi aadaa Oromooti,” jechuun ibse.

Kana malees Dhaabaa Wayyeessaa bara 1992 kitaabolee barnoootaa Afaan Oromoo sadarkaa tokkoffaa jechuun ka kutaa 1-6tti seenaa keessatti yeroo jalqabaatiif Ministeera barnootaatiin qapheeffame barreessuuf hayyoota kutaa ‘imaammata barnootaa’ Ministeerichaatiin fo’ataman keessaa tokko ture.

Miseensota garee barreessitoota kitaabota afaanii kaan shan waliin tahuudhaan kitaabilee barataa jaha fi qajeelcha barsiisaa jaha barreessuu keessatti qooda guddaa gumaache. Ogbarruu qabate cimsuudhaanis tiyaatiroota yokaan do’iilee afurii fi asoosamoota lama barreessee, qopheessuun uummataaf dhiheesseeraa. Kitaabnisa asoosamaa isaa inni jalqabaa ‘Godaannisa’ jedhamu seenaa Ogbarruu Oromoo ammayyaawaa keessatti kitaabota asoosama dheeraa yeroo jalqabaaf maxxansaman lama keessaa tokko ture.

Kana malees, Dhaabaa Wayyeessaa Artistoota haaraa gurmeessuun, magaalaa Finfinnee keessatti bara 1992 Garee Do’ii fi Aadaa Gadaa (Gada Theater and Cultural Club) jedhamu bu’ureessaa hoogganuudhaan oguma (art) fi aadaa Oromoo fuul-dura tarkaanfachiisuu keessatti qooda guddaa gumaacheera. Gartichi yokaan kilabichi miseensota isaa haareyyiif leenjii yeroo gabaabaa mijeessuun hirmaachisee tapahadooyaalee yokaan tiyaatirootaa fi agarsiisawwan muuziqaa afaan Oromoo qopheessee dhiheessaa ture.

Hanga inni bara 1995 GC gara USAtti godaanuutti Dhaabaan, bu’aa-ba’ii fi danqaalee hedduu dandamatee milkaa’inaan Gartuu Do’ii fi Aadaa Gadaa hoogganaa ture. Akkasumas barruulee ‘Ichima’ jedhamtu, kan Afaan lamaan maxxansamtuuf hoji-geggeessaa ta’uun hanga bara 1994tti tajaajile. Baruma kana Waldaa Qorannoo Oromootiin, biyya Kanadaa, magaalaa Torontootti afeeramee badhaasa dhaabbatichaa ka waggaa “qooda guddaa dagaagina oguma og-barruu fi aadaa Afaan Oromootiif gumaachiteef,” (for your outstanding contribution to the Oromo literary arts and culture’’ jedhamuun badhaafame.

Milkaa’inni fi bu’aan Dhaabaa wayyeessaa ogbarruu Afaan Oromoo keessatti daran guddaadha. Karaa dheeraa deeme keessattis bu’aa-ba’ii baay’ee keessa dabree, aarsaa hedduullee baaseera. Keessumaa bara Mootummaa Komunistii Mangistuu Hayilamaariyaam diraamaalen raadiyoo, qoosaawwanii fi asoosamoonni gaggabaaboon Dhaabaan Raadiyoo Itiyoophiyaa, Sagantaa Afaan Oromoo irratti dhiheessaa ture aangawoota mootummaa abbaa-irree olaanoo bara sanaa biraatti mufannaa fi aarii guddaa kaasan. Sababaa kanaaf tahuu hin oolu, aangawaan Dargii tokko otuu Dhaabaan balbala Yuunivarsitii Finfinnee, kan Kiiloo Jahaa fuul-dura dhaabatuu konkolaataan rukkutuudhaan miidhaa guddaa irra geessise. Dhaabaa Wayyeessaa balaa kanaan miilli isaa gama mirgaa cabuyyuu, lubuun irraa hafe. Miilli isaa cabees waggaa tokkoo oliif wal’aanamee lafa ejjechuu jalqabe. Sana boodallee dhiibbaawwan, miidhaawwan, hidhaawwanii fi rakkoolee jajjaboo keessa darbee nama hojiiwwan ogbarruu fi aartii guguddoo afaan Oromootiif gumaachee jira.

Dhiibbaa fi hiraarsi mootummaa itti heddummaachuu irraa kan bara 1995 gara biyya Ameeerikaatti godaane Dhaabaa Wayyeessaa bara 2004 barnoota oguma fiilmiitiin digirii lammataa yokaan ‘MFA’ Yuunvarsiitii Hawaard kan Waashingiten DC jiru irraa argate. Sana dura ammoo achuma Yuunvarsiitii Harvarditti bara 1997-1999tti oguma Raadiyoo, TV fi fiilmii barachuudhaan digirii isaa duraa (BA) kabajaa waliin nama fudhatee ture. Fiilmii gababaan inni mata duree ‘The Fallen Beats’ jedhuun barreessee fi qindeesse biyyuma Ameerikaa bakkawwan adda addaatti dorgomee dhaabbatoota fiilmii bebbeekamoo irraa badhaasa sadii gonfamee ture.

Hojiilee ajaa’ibsiisoo guddaa kan hojjete Dhaabaan, Ogbarruu Oromoo gara Addunyaatti geessuu keessatti konkolaachisaa ta’un dura adeemee, hangafummaasaa itti fufseera. Raadiyoon Sagalee Ameerikaa (VOA), Sagantaan Afaan Oromoo yeroo baname gaazzexeessota tamsaasa jalqaban sadii keeessaa tokko ka ture Dhaabaan ammallee sadarkaa hoogganummaa gulaalaatti achumaa tajaajilaa jira. Gama kanaanis, guddina Afaan Oromoo keessatti seenaa yoomuu hin dagatamne hojjeteera. Dhaloonni haaraan oguma fiilmii, ogbarruu fi artiin akka qaramu gargaaruufis karaa dhaabbata ofii hundeessee ka “Saandiscraayib” jedhamuu waggoota hedduudhaaf hojjetaa jira.

B) Ogbarruu Afaan Oromoo Dhaabaan ittiin beekamu:

Godaannisa 1992 GC

Gurraacha Abbayyaa 1996 GC

Dukkanaan Duuba 1991 GC

Jennaan 1992 GC

Imimmaan 1993 GC

Fuula Dhokate 1994 GC

Faana Miillaa 1996 GC

 

@Waldaa Barreessitoota Oromiyaa

Finfinnee, Oromiyaa

Caamsaa 2022

en_USEN
Scroll to Top