Badhaasa Ogbarruu Gaaddisaa/Gadisa Literary Award

Marsaa 3ffaa

Sirni Badhaasaa Ogbarruu tokko keessatti:
•  Dandeettif Beekamtii kenna: Bu’aa ba’ii barreessitootaa ni kabaja.
•  Barreessitoota kakaasa: Barreessitoonni hojii qulqullina olaanaa qabu akka uumaniif ni kakaasa.
•  Guddina aadaa jajjabeessa: Seenaa aadaafi afaan ni kunuunsa, ni hirmaachisa.
•  Sadarkaa ogbarruu olkaasa: Barreeffama irratti olaantummaafi kalaqa ni jajjabeessa.
•  Argaa dhageettii dabala: Barreessitootafi hojii isaanii irratti xiyyeeffannoo fida.
•  Hawaasa walitti fida: Barreessitoota, dubbistootafi qeeqxota walitti hidha.
•  Barnoota irratti jijjiirama qajeelloo fida: Barnoota dhaadhessee guddisuun, dhaloota egeree dadammaqsa.
•  Gabaa ogbarruuf dabala: Barreessitootafi maxxansitootaf carraa dinagdee ni uuma.
•  Kitaabonni heddumminaan akka barreeffaman taasisa: Barreeffamuufi dhalachuu yaadota garaagaraatif sagalee ta’ee mul’ata.
Kanaaf Badhaasa Ogbarruu Gaaddisaa seenaqabeessa ta’e kana irratti akka argamtanii tumsa Ogbarruu Oromoof akka taasiftan kabajaan affeeramtanii jirtu.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

en_USEN
Scroll to Top