Marsaa 3ffaa
Sirni Badhaasaa Ogbarruu tokko keessatti:
• Dandeettif Beekamtii kenna: Bu’aa ba’ii barreessitootaa ni kabaja.
• Barreessitoota kakaasa: Barreessitoonni hojii qulqullina olaanaa qabu akka uumaniif ni kakaasa.
• Guddina aadaa jajjabeessa: Seenaa aadaafi afaan ni kunuunsa, ni hirmaachisa.
• Sadarkaa ogbarruu olkaasa: Barreeffama irratti olaantummaafi kalaqa ni jajjabeessa.
• Argaa dhageettii dabala: Barreessitootafi hojii isaanii irratti xiyyeeffannoo fida.
• Hawaasa walitti fida: Barreessitoota, dubbistootafi qeeqxota walitti hidha.
• Barnoota irratti jijjiirama qajeelloo fida: Barnoota dhaadhessee guddisuun, dhaloota egeree dadammaqsa.
• Gabaa ogbarruuf dabala: Barreessitootafi maxxansitootaf carraa dinagdee ni uuma.
• Kitaabonni heddumminaan akka barreeffaman taasisa: Barreeffamuufi dhalachuu yaadota garaagaraatif sagalee ta’ee mul’ata.
Kanaaf Badhaasa Ogbarruu Gaaddisaa seenaqabeessa ta’e kana irratti akka argamtanii tumsa Ogbarruu Oromoof akka taasiftan kabajaan affeeramtanii jirtu.
