Qaaccessa kitaaba Xinsammuu Siif Galeeraa?

SIIF GALEERAA?

Mata Duree Kitaabichaa: Siif Galeeraa?
Barreessaa Kitaabichaa: Miratuu Shaanqoo Giddii (G/Pirofeeseraa)
Akaakuu Kitaabichaa: Kitaaba Xiinsammuu
Baay’ina Fuula Kitaabichaa: Fuula 117

SIIF GALEERAA?’

Kitaabni mata-dureen isaa, ‘SIIF GALEERAA?’ jedhu kun, A.L.A tti Amajji, bara 2019 kan maxxamfame yoo ta’u, boqonnaa kudha sagalii fi mata dureewwan xixiqqoo hedduu of keessaa qaba. Barreessaan kitaabichaa kitaaba kanaan dura kitaabota Afur( Garbummaa Birmaddummaa Fakkaatu, Iccitii Geggeessummaa, Kallattii Geggeessummaa fi ከጥቂቶቹ አንዱ መሆን) jedhaman kan maxxansiise yoo ta’u, kitaabni isaa kun isa shanaffaadha.

‘Siif Galeeraa?’n kitaaba Xiinsammuu bareedaa, jechoota filatamoo namoota onnachiisaniin utubamee barreeffamedha. Xiyyeeffannoo ijoon kitaaba kanaa onnachiisuu yoo ta’u, miira kana akka ta’utti nama keessatti uumuufis, gaaffilee si’eessoo ta’an garaagaraa kaasuun gaafachaa, deebisaa, namoota kallattii garaagaraan milkaa’an akka fakkeenyaatti fudhachuun ibsa bal’aa kenneera. Kunis, barreessichi nama dubbisu ta’uu isaa kan agarsiisudha.

Waantonni kitaaba kana adda taasisan:
Jechoota mimmiidhagoo ergaa gurguddaa dabarsuu danda’anii fi hamma eegamuu olitti hamilee namatti horuu danda’aniin dabaalamuu isaa!
Bifa gabaabaa ta’een, yaadota bal’aa ta’an kaasee, utuu dubbisaa hin nuffisiisin, hamma dhumaatti deemuu danda’uu isaa!
Akkasumas, namni kitaaba kana dubbisu, yaadota kitaabichaa miireffachuun, ofii isaa fi mul’ata keessa isaa jiru sirriitti akka dhaggeeffatu taasisuuf ga’umsa qabaachuu isaati!

Ciminnii fi yaadonni kitaabichaa armaan olitti caqafaman akkuma jiranitti ta’ee, hanqinoonni kitaabota kana keessatti mul’atanii fi yaadonni ani, “Utuu sirreeffama argatanii, caalaatti kitaabicha hawwataa taasisu” jedhee kaa’e immoo:
Kitaabichi kitaaba Afaan Oromootiin, saba Afaan Oromoo dubbatu, aadaa, duudhaa, afoolaa fi akkaataa jiruuf jireenya mataa isaatii qabuuf kan barreeffamee ta’ee utuu jiruu, fakkeenyonni, jechoonnii fi seenaan namootaa kitaabicha keessatti caqafamanii garuu, baargamaa kan dhufanii fi hawwaasicha giddu galeessa kan hin godhanne, kitaabota garaagaraa irratti barreeffamanii fi dubbataman fayyadamuun barreeffame. Yaadota, jechootaa fi seenaalee kanas, kaan madda eeree, kaan immoo, utuu madda hin eerin gargaarameera. Haa ta’uutii, utuu waan gola Oromoo fi Oromiyaa keessa jiru qoratee, akka kitaaba kanaan wal simuu danda’utti barreesseera ta’ee gaarii ture.

Kitaaba kana keessatti hanqinni sirnaan qubeessuu, keeyyateessuu, sirna tuqaalee, qub-guddeessaa…walumaagalatti, hanqinni seera barreeffama Afaan Oromoo bal’inaan mul’ata. Kun immoo, barreessichi ‘Seerota Afaan Oromoo’ qorachuun itti maayii ba’uu irratti hanqina guddaa akka qabuu fi xiyyeeffannoo malu akka hin kennineef agarsiisa.

Saxaxni keessoo kitaaba kanaa, ‘Font Type’ fi ‘Font Size’ gaarii, akkasumas, ‘Standard format’ addunyaawaa ta’e fayyadamuu irraa eegalee, hanqina guddaa qaba. Kun immoo, akkasumaan fuula kitaabichaa guddisee, gatii maxxansa isaa fi gatii inni ittiin gurguramu ol kaasuun alatti bu’aa homaatuu hin qabaatu. Gochi akkanaa immoo, dubbistoonni gama kanaan akka komii kaasan taasisa.

Kitaabicha keessatti, irra deddeebiin yaadaa tokko tokko mul’ataniiru. Kun immoo, utuuma yaadonni kitaabichaa hawwatoo ta’anii jiranii, dubbisaan akka mufatu taasisuu danda’a. Dabalatas, yaadonni dhugaa irraa fagaatan kitaabicha keessatti barreeffamaniiru. Fakkeenyaaf, fuula kitaabichaa 95 irratti, “Biilgeeti: karaa fagoo barnoota isaa jalqabaa addaan kutuun deemee abbaa qabeenyaa jaarraa lamaa ta’ee dursaa jira” jedha. Maal jechuudha? Maddi barreeffama kanaa maali? Silaa, utuu kitaabichi madda wabii eereera ta’ee, sana faana dha’uun, seenaan kun akkamittii fi maaliif akka barreeffame hubachuun ni danda’ama ture. Haa ta’uutii, barreessaan kun ‘Kitaabilee Wabii’ kitaabicha irratti barreessuu dhabuun isaa, hanqina ijoo kitaabichaa fi ragaa dhabuu barreeffamoota kitaabichaa baay’eef sababa.

Walumaagalatti, yaadonni armaan olii kitaaba kana keessatti dabalamuun, akkasumas, dogoggorawwan uumaman utuu sirreeffamanii, kitaabichi caalaatti hawwataa ta’uu danda’a.

GUDUNFAA
Kitaabni yeroo barreeffamu, rakkoo hawwaasa keessa jiru kan furu, hawwaasicha sadarkaa inni jiru irratti kan barsiisuu fi garam deemuu akka qaban kallattii kan agarsiisu ta’uu qaba. Haa ta’uutii, yeroo baay’ee kitaabni maxxanfamee gabaa irra oolee dubbifamuu diduun, “Kitaabonni maxxanfamanii hawwaasa bira gahan maal fakkaatu?” gaaffii jedhu kaasisa. Dhuguma kitaabonni gabaa irra jiran, “Hawaasa kana ni fayyaduu? Ni barsiisuu? Rakkoo jiruuf furmaata ni ta’uu? Moo, dubbisaa jiilchanii, addunyaa dubbisaa keessaa ari’u?” kan jedhu immoo, gaaffii dabalataa barreessaa fi namoonni dhimmi kun isaan ilaallatu, deebi’anii of gaafachuun irratti hojjechuu qabanidha.

Barreessaan gosa kitaabaa kamiyyuu barreessu, barreessuu isaa dura, maal akka barreessu, maaliif akka barreessu, hawaasa akkamii bira ga’uuf akka barreessuu fi saayinsii waan barreessu sanaa tolchee beekuu qaba.

Caamsaa 16, 6416
Finfinnee, Oromiyaa

Naatinaa’el Taarikuu Abdiisaatiin Barreessaafi Gulaalaa
Email: natnaeltarikuabdissa@gmail.co

14 thoughts on “Qaaccessa kitaaba Xinsammuu Siif Galeeraa?”

    1. Waan nuuf barreessitaniif hedduu isin galateeffanna. Ulfaadhaa!

      Bantuuwwan marsariitii keenyaa keessaa gara Haa dubbisnu /library jedhu yoo gortan kitaabota pdf ni argattu.

  1. Avatar
    Haile Regassa Adi

    Naatinaa’eel Taarikuu.
    Hojii keetiif otuun siin hin galateeffatiin darbuu hin fedhu. Hogbarruun oromoo yoo akka kanaan dhidhiibbaa argate fooyyee silaa hawwinu sana bira gahuun rakkisaa hin ta’u. Yaada kee warra olitti caqaste keessaa guduunfaa dhumaa sanarratti otuun waa jedhee natti tola….

    1) Akkuma atuu keesse barreessaan tokko kitaaba barreessuun isaa duudhaa hawaasaa ibsuu fi rakkoo hawaasaa furuuf kan gargaaru ta’uu isaa jabeessitee ibsiteerta. Eyyeen suni dhugaadha. Haa ta’uutii garuu dhugaa ta’uu dhiisuullee male. Sababni maali yoo naan jette ammoo… barreessaan tokko dandeettii waa barreessuu isaatiin otuu madaalame gaarii ta’a jedheen amana. Egaa kun akka kooti. Namni waa barreessu dandeettii ogummaa kanaa yoo qabaate seenaa dhala namaa barreessa waan ta’eef akka koottii rakkoo qaba jedhee hin yaadu. Atiis akkuma ibsite rakkoo qaba jechuu kee akka hin ta’iin naaf gala. Haa ta’uutii garuu aadaa gola hawaasaa keessa jiru fi rakkoo inni hiikuu danda’u jettee jabeessitee waan dubbatteefan akkas jedha.

    2) Barreessitoonni yoo rakkoo furuu kaayyeffatanii barreessu ta’e bilisummaa dhabsiisuu ta’a. Barreessitoonni dhimma kanarratti fedhii qaban barreessuu danda’u. Barreessitoota hundaaf garuu sun dirqama natti hin fakkaatu. Duudhaa hawaasaa ibsuuf yookan rakkoo hawaasaa furuuf inni barreessu nama dhimmicha qoratu ta’a. Sun ammoo fedhii barreessichaa irratti hundaa’a.

    3) Ani akka kootti rakkoon inni guddaan rakkoo dandeettii barreessuu yoo ta’e malee rakkoon maal barreessuu ijoo dubbii ta’ee natti hin mul’atu. Barreessaan tokko waan fedhellee yoo barreesse seenaa dhala namaa barreessa. Jiruu dhala namaa irraa barachuun ammoo kennaa dhala namaati.

    Walumaagalatti yaada kana barreessuun koo waan lamaafi. Inni tokko si’iin dabalatee warri akkasiin kitaaba dubbisanii waan isaanitti mul’ate dhiheessan hundi hojii guddaa waan ta’eef akkuma nuuf jabaattan jechuufi. Inni biraan ammoo yaada ati guduunfaarratti keesse sanarratti kunoo akkan jedhe kana jechuuf malee yaada waa’ee kitaabichaa irratti duraan ati kaafte falmuuf miti.

    Hedduu galatoomi.

    Waldaan barreessitoota oromoo hedduu galatoomaa.

  2. Barreessaa kitaabaa kana kitaaba inni barreessee gabaa irra oolcheeniyyuu sirriittan isa beeka. Gaafan qaaccessake kana dubbisu humna si keessa dhokatee jiru tokkotu natti mul’ata. Jabaadhu! Jabaa keenya nuuf jajjabeessi, wallaalaa keenya nuuf gorsi.
    Garee website kana akkasitti kalaqxanii saba kana tajaajiluudhaaf onnattan kanas galatoomaa jechuun barbaada

  3. Akkuma beekamu nuti yeroo kitaaba dubbisnu, yaada gaariis ta’ee yaaraa dubbisnee qofa cal jenna. Garuu qeeqni fi yaadni ka’u hogbarruu cimsa. Isa kanaaf immoo hojiin gama kanaan WBO’n hojjetamaa jiru namatti tola. Kitaaba ‘Siif galeeraa?’ Kana, barreessa fi Gulaalaan, Naatinaa’el Taarikuu akka inni itti qacceesse utuu hin ajaa’ibsifatiin bira darbuu hin barbaadu.

    Keessattuu akkaataan inni kitaaba kana itti ilaalee keessaa tokko, fakkeenyummaan Hawaasa ofii jiraachuu dhabuun ilaalcha sirrii ture.

    Yeroo baay’ee waan hundarratti yaadan biyyaa godaannee, kan ormaa malee keenya kan ta’e ija keenya jalaa dhokatee ala ilaaluu qofti gatii akkamii akka nu baasisaa jiru, waan ifatti mul’atudha. Mil’uu isaa kana sirriittiin jaaladhe. Asumaniis galatoomiin jedhaan.

    Akkasuma yaadni inni kenne qeeqa qofa utuu hin taane, jajjabinaa fi sirreeffama gara fulduraatti taasifamuu qabullee kaasee darbeera. Inni Kunimmoo hammam itti yaadee fi xiyyeeffatee kitaaba kana akka ilaale agarsiisa. Akka kanatti wal jajjabeessuun ammas cimee itti haa fufuun dhaamsa kooti.

    Naatinaa’el Taariikuu Abdiisaa galatoomi. Isinirraallee hojiiwwan babbareedoo ta’an eegna.
    Nagaa turaa!

  4. Avatar
    Dibooraa wandaaxir Hiikaa

    Wow dhugaa dubbachuuf hamma maleen irraa baradhe. Muuxannoon akkasii jiraachuun bu’aa hedduu waan argamsiisuuf hojiin kun gaariidha akka ilaalcha kootti. Wal qaruun inni sirriin hanqina waliis wal hubachiisaa, cimana walii immoo jajjabeessuu waan ta’eef hojiin kun itti haa fufu.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

en_USEN
Scroll to Top