Qaaccessa Asoosama Irboorichaa

  • Qaaccessa kitaaba (Book review): IRBOORICHA

Barreessaa: Wabii Kabbadaa Barkeessaa

Gosa: Asoosama seenawaa, Ogbarruu Oromoo, Afrikaa

Maxxansa duraa: bara 6415/ 2022

Taatoota gurguddoo : Dooyyoo Liiban, Bissii, Keelloo(Ismiizii), Evaansi

Ergaa: Sirna Orom-durii, ayyaantummaafi ayyaantuu Oromoo, Weeraramuu lafa Oromoo, cabuu sirnaa, laafuu sabaa

  1. Yoomeessa: Aangoot, Oroomiyaa: Ingilaand, Awurooppaa jaarraa 16ffaa fi 17ffaa

Seenessaa: Garumsa sadaffaa

Kitaabni asoosamaa ‘Irbooricha’  jedhu kun kuusaa seenaa, aadaa, safuu, sirnaa, siyaasaafi jaalalaati. Kitaaba dubbisuuf nama kakkaasu, ergaa jabaa dabarsanuufi qalbii namaa rarraasee waan itti aanee dhufu muddamaan akka eegan nama taasisuudha. Kitaabni kun kitaaba akkaan jabaa, seenaa irratti kan hundaa’e, filannoo jechootaa, qindoomina seenaa akka gaariitti kan qabuufi kitaaba hedduu hawwataadha.

Kitaaba kana keessatti goobaan-galeessichi Dooyyoo Liiban taatoo naatoo addaa qabu, loltuu jabaa, goota, hayyuu, nama safuufi sirna Oromoo keessatti guddate, itti jiraateefi ittiin sabasaaf dalage ta’eetu akka bakkalcha bariitti ifee mul’ata. Ijoollummaa isaa irraa eegalee hanga gaafa addunyaa kanarraa darbutti gootummaan qofa osoon taane iddoo inni jaalalaaf qabuu sammuu nama kitaaba kana dubbisuu keessatti fakkii guddaa ta’eetu kaafama.

Kitaaba kana keessatti yaadota jajjaboon ani hubadhe kanneen armaan gadiiti

  1. Sirna Oromoo

Duulli Gadaa Michillee labsii, “Dhiirri diina tokko hin ajjeefne rifeensa hin aaddatin, hin fuudhinis.” Jedhu dhiirota hunda duulaaf manaa bahani. As jalatti wantin hubadhe waldhaga’uu, wal jala yaa’uu, dhimma waloo irratti walfaana aarsaa kanfaluun biyyaafi biyyee ofii tikfachuu saba kanaa, sirna ititaan kun dacheefi qabeenya Oromiyaa kana tiksuu keessatti gahee guddaa taphachuu isaati.

Sirni Oromoo sirna dhala namaa hunda kabaju, sirna qaroomaa, uumaafi uumama wal simsiifamee heera lallabame, dhugaa irratti kan wixineeffameefi kan shiraafi daba hin qabne ta’uu kitaabni kun bal’inaan kaaha.

“Icciitii Gadaa, icciitii qumbii, icciitii ciicoo, icciitii kallachaa, icciitii caaccuu, icciitii bokkuu, icciitii ateetee….yeroo tokko tokko jarri seexana natti fakkaatu. Tureemmoo qulqullummaasaanii ergamoota waaqaa warran Biriitaaniyaatti suuraasaanii arge waliinan wal fakkeessa….. waaqaan bulu, aangoof jedhanii wal hin ajjeesani….sirna Gadaa sirna qulqulluu..”

“Fallisaa jira; garuummoo waggaa saddeet deemuu isin gaafata.”

  1. Amantiifi Dhugeeffannaa Oromoo

Sabni kun ayyaantummaa warra isaa gabbifachaa, safuu eeggatee gaaddisa sirna Gadaa jalatti bulaa turuu isaa kitaabni kun bifa namni kamiyyuu hubachuu danda’uun seenessa. Kana biratti immoo warri Absiiniyaa ilaalcha dogoggoraan sabni kun akka waan qaroomina, amantiifi dhugeeffannaa hin qabneetti kaasani maqaa seenaatiin duula maqaa balleessii saba kana irratti taasisan mormee, waan sabni kun qabu, itti buluufi ittiin bulu sirnaan qndeessee barreessa. Safuu waaqaafi lafaa, uumaafi uumamaa, abbaafi ilmaa, haadhaafi intalaa ….

Haati Bissii intala ishee bissii waa’ee dhugeeffannaa Oromoo gaafa itti himtu, “Waan kana dhiphuufi bal’oo keessattillee hin godhuu hin dagatin.” Jettee gorsiti. Dhaloota safuu warra isaanii jalatti guddisuun akkam akka gaarii ta’e ifatti nuuf kaaye barreessichi.

  1. Weeraramuu Oromoofi cabuu sirnaa

Weerartoonni Absiiniyaa Daawuroo barbadeessuun namaafi qabeenya hedduu akkuma dhabama godhan, sirna sabni ittiin bulullee ugguruun kan isaan bakka buusuuf qophaa’ani. Waan keessan dhiisaa kan keenyatti bulaa, bulchiinsi keenya keessanirra qajeelaadha jechuun sirna Oromoo isa uummata keenya wal jala yaasu dhabamsiisani. Warri absiiniyaa deeggarsa warra adii irraa argataniin akkamitti saba kana akka cabsan, meeshaalee waraanaa ammayyaa’aa warri lixaa hidhachiisaniin qe’een Oromtichaa akka goolame, qabeenyiifi lubbuun, sirniifi qorqalbiin Oromoo akka cabe kitaabni kun sirriitti addeessa.

As irratti wanti baay’ee na gaddisiiseefi dhaloonni keenya deebisuu qabu, goonni sabaa, beekaaniifi ilmi sirnaan guddatee akka Dooyyoo Liibanitti mataa sabaa olqabu, kan Irboorri irree isaa irratti godhamee sabaan deemu, sabni jala yaa’u, kan gaaddisa sirnaa jalatti uummata keenya itichu dhabamuu isaati. “Dhaloonni waa fala.” Jedha Galaanaa Gaaromsaa

  1. Jaalalaafi Aarsaa jaalalaaf kanfalame

As irratti jaalala Bissiifi Dooyyoo akkasumas jaalala Eevaansiifi abbaa Ishee Dooyyootu akka ibidda tulluurraa ifee mul’ata.

Dooyyoofi Bissiin lafa buufata Garbootaatti osoo bishaan waraabuuf deemanii wal argani. Inni callee mormashee faayee jiru gaafa ilaalu, isheen immoo saalfiin lafa ilaalte. Waraansi jaalalaa achitti eegale. “Haadha manaafi abbaa warraa laga tokkoo waraaba.” Mammaaksi jedhu sun isaan lamaan malkaa sanarraa waraabe ta’innaa!

Bissiin jaalala Dooyyoof jettee agartuu ishee dhabde. Dooyyoon jaalala isheef qabu ibsuuf cancalli harkasaa gaadi’e hin dhorkine. Firiin jaalala isaaniis waan salphaa hin turre. Dooyyoonis jaalala Bissiif lubbuu takkitti hin sassatne. Ilillii jaalalaa waliin suunfatani, boraatii jaalalaas waliin boraafatani. Weedduu jaalalaa waliin weeddisanii utubaa jaalalaa guddicha waliin dhaabbatani.

“Harmeenkoo siif jettee qarooshee akka dhabde dhageessee?”

Bissiin biyya hambaa keessa teessee ilmoo ishee eenyummaa ishee dhaalchiste. Seenaa abbaashee, gootummaafi simboosaa, seenaa saba ishee hunda barsiifte. Eevaans jaalala abbaa isheen waxalamte, gootummaa isaan booji’amte, dhaaltuu gonfoo biyya Biriitaaniyaa ta’uurra abbaa ishee barbaaddee argachuu filannoo godhatte. Jaalala abbaa!

“Abbaakoo siifan maraadhee harmee maraacheem! Suma arguuf jedheen qananii mana mootummaarraa of gaadi’ee jiraatti maraadhe. Dooyyookoo! Dooyyoo Liiban.” Harkasheetiin ijasaa jaame sana qaqqabaa caraante.

  1. Icciitii sabaafi biyyaa tiksuu

Yaadni guddaan kitaabni Irboorichaa kudhaammate kan biraan icciitii tiksuudha. Icciitiin waan guddaa ta’uu, nama hundatti bahee kan hin himamne ta’uufi ilmaan sabaa icciitii sabaa tiksuuf akka wareegama kanfaluu qaban sirriitti akeeka.

““Yaa mootii! Irboorichi nu waliin awwaalamuu qaba”jedhe Tulluun…..Icciitii bakka awaalcha Irboorichaa kan mootichi hawwaa ture awwaalee, ofiifis awwaalame”

Dhuma irratti kitaaba kana keessaa dhabeefi wantin barreessichi osoo itti akeekee fedhu wantoota armaan gadiiti.

  1. Akkuma kitaabicha keessatti eerame, gaafa meeshaan ammayyaa saba kana irratti dhuka’u, meeshaa san miti sagalee isaallee hin beekani. Isaan eeboofi gaachanaan ormimmoo meeshaa fageenyatti loltuu conqolaasu qabu. Kun addunyaa irraa fagaachuu, bara waliin tarkaanfachuu dhabuudha. Dooya (intelligence) jabaa dhabuufi loltuu meeshaa diina madaaluu hidhate dhabuun sababa kufaatii ta’uu mala.

As irratti barreessaan waan kana dhaloonni akka itti yaadu dubbii garaa nu bulchee laata? Waa qeeqee waa akka itti yaadnu nu taasisuuf yaalee? Eegeen dhabe

  1. Gaarummaan sirna Oromoo, Weeraramuun biyya Oromoofi cabuun sirnaa haala namaaf galuu danda’uun ifatti katabameera. Garuu maddi rakkoo keenyaa maal turee? Dhaloonni maalirra ka’ee fala haa barbaaduu? Namni akka Dooyyoo Liiban waa osoon dhaamin sokkuun, ogeessi jabaan akka Ismiiz/ keelloon xurree faloo waan maaliif jechuu dadhabee?
  2. Dooyyoo Liiban humna jaalalaatiin hanga kana butamuun irran turre. Hayyuudha, mataa sabaati. Namni sabaan deemu, beekaan biyyaafi gaggeessaan miira gaddaanis ta’ee gammachuun akkasumas jaalalaan baay’ee butamuu osoo baatee gaarii natti fakkaata.

Wantoonni kun lameen akka yaada kiyyaatti wantootan eegee dhabedha.

 

Galataa Tsaggaa Naggasaa-tiin.

Gulaalaafi Barreessaa

Yuunvarsiitii Haramaayyaatti, Barsiisaa

18 thoughts on “Qaaccessa Asoosama Irboorichaa”

  1. Ergan gulaallii kana dubbisee kitaaba kana dubbisuuf na onnachiiseera.
    Gulaaltichi hedduu galatoomi!!!

    1. 𝐋𝐚𝐥𝐨𝐨 𝐡𝐨𝐣𝐢𝐢 𝐛𝐚𝐫𝐞𝐞𝐝𝐚𝐚𝐟 𝐚𝐛𝐝𝐢𝐢 𝐧𝐚𝐦𝐚𝐚 𝐤𝐞𝐧𝐧𝐮𝐝𝐡𝐚 𝐣𝐚𝐛𝐚𝐚𝐝𝐡𝐚𝐚 𝐣𝐚𝐛𝐚𝐚 𝐤𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚𝐚!!

  2. Dhugaa dubbachuuf yeroo afaan oromoo Afaan Guugilii ta’e kanatti isin immoo dammaqinaan hojjeettanii yaadaa kana fiduu keesaaniif Guddaa Galatooma.

  3. Hojii boonsaa hojjattani itti fufaa. Qaaccessa kitaabaa akkanatti dhiyeessuun immoo namoonni kitaabicha barbaadanii akka dubbisaniif sirritti gargaara.

  4. “Irbooricha” dubbiseera. Baay’ee waan qalbii namaa rarraasuu fi beekamsu olaanaa namaaf kan dabaluu dha. Galatoomaa barreessitootni Oromoo aarsaa kanfalaa jirtan hundi. Addatti “Wabii Kabbadaa Barkeessaa” tiif.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

en_USEN
Scroll to Top